Ijoolleen Afriikaa uffee Sahaaraa gadii Kumaan Lakkawamantu Dhukkuba Sickle Cell Waliin Dhalatu

Ijoolleen Afriikaa uffee Sahaaraa gadii kanneen 300,000 ta’an waggaa waggaatti dhukkuba Sickle Cell jedhamu kan guddina gosa dhiigaa hemoglobin jedhamu to’atu miidhu waliin dhalatu.

Dhibeen kun dhukkubbii hamaa kan qabu yoo ta’u kutaa qaama fi dandeettii dhibee ofi irraa ittisuuf miidhu balaa irra buusa. Dandeettii dhibee ofi irraa ittisuuf jiru kan inni miidhu baay’ee dursee ti. Kanaaf jecha ijoolleen kunuunsa ga’aa hin arganne sababaa daariqa ykn infekshinii baakteeriyaatiin dafanii du’uu jedhu kan yeroo ammaa itti aanaa ministrii kutaa tajaajila fayyaa fi hawaasummaa akkasumas doktora ijoollee kan ta’an Bretti Giroir.

Dhuguatti ijoolleen biyyoota galii gad aanaa fi giddu galeessa keessa jiraatan kanneen dhukkuba Sickle Cell jedhu kanaan qabaman dhibba irraa harki 80 umurii isaani waggaa shan utuu hin guutin du’u. lammiiwwan Ameerikaa hidda dhalata Afriikaa biratti dhukkubi Sickle Cell jedhu kun waan baratamaa ta’eef, Yunaayitid Isteetis dhibee kana beeksisuuf hooggana cimaa achi as baateetti jedhan Giroir. Sadarkaa addunyaatti Ameerikaan biyyoota kan akka Uganda kanneen dhibee kana dura dhaabbachuuf karoora biyyoolessaa lafa kaa’atan waliiin hojjetaa jirti, karoorri Ugaandaa dhugumatti malattoo addaa ti jedheen yaada jedhan Giroir.

“Karoora addaa ti. Gatiin jiru guutummaatti baafameera. Wal duraa duubaan hojjetame. Kanaaf maal yoom akka hojjetamu beekna. Karoora cimaa ardittiif fakkeenya ta’uu danda’u dha" jedhan.

Karoorri kun biyya Ugaandaatiin uummata Ugaandaaf kan qopaa’e ta’uu hubachuun barbaachisaa dha jedhu Admiral Giroir.

“ Ugaandaan waan isheen goote biyyattii keessatti maal akka ta’u xiinxala qorannaa geggeessuu ishee ti. Naannolee hedduu bakka dhikkubi sickle cell jedhu kun isa kaan irra caalaa itti heddummaatutu jira. Kanaaf dhibeen miciraan sanyii irra ga’u kun namoota naannoo kana jiraatan walii fi yeroo murtaa’e keessatti attamiin akka hammaate hubachuu dha. Kanaaf kun mannii isaa irrati fuuleffachuu dha. Kan isaan godhanis kana.

Kun karoora addaa ti. Bakka dhibeen kun akkaan miidhe irraa jalqaba Konyaalee 75 irratti fuuleffatamee, achii kaee babal’ataa adeema. Ugaandaan karoorri isee Afriikaa mara akka wal ga’u walii galteetti. Uummata, aadaa fi haala dinagdee biyyoota maraan wal barsiisuun barbaachisaa dha. Garuu kun akka salphaatti ta’uu danda’a jedhu Admiral Giroir. Tarkaanfiin jalqabaa karoora sana qabaachuu dha. Tarkaanfiin lammataa hojiitti hiikuu dha. Karoora kana hojiitti hiikuuf dhugumatti ejjennoo gaarii qabannee jirra jedhan jecuu dhaan gulaalaan har’aa yaada isaa xumura.