Baatii Eeblaa keesssa kan ayyaaneffatamu guyyaa dachii uumamaa fi qilleensa naannoo keenyaa kunuunsuu qofa utuu hin taane, Sochiin waa’ee qilleensa naannoos yeroo itti ka’ee dha. Dhuma irrattis guyyaan dachii bara 1970 keessa geggeessame qilleensa naannoo, qulqullina bishaanii fi sanyii bineensotaa baduu jala ga’aniif eegumsa gochuu fi jecha ejensiin kunuunsa qilleensa naannoo Yunaayitid Isteetis akka dhaabatuuf seerawwan ba’an hojii irra oolan.
Kunia, rakkoo qulqullinni qilleensaa gad bu’aa adeemuu furuuf kan fudhataman tarkaanfilee cicimoo dha. Waggaa kana guyyaa dachee fi torbanneen isa dura jiran, bulchiinsi Baayiden fi Hariis, rakkoo qilleensa naanno addunyaa furuuf jecha imaammata haaraa qopheessuu dhaan tarkaanfii cimaa ka biroo fudhatee jira.
Kunis kaka’umsa manca’uu bosonaa biyya ofii fi naannoo addunyaatti duuluuf qophaa’e akkasumas uumama galaana keessaaf bakka eegumsi itti taasisamu lama tolchuu dha.
Kunis qurxummiif eegumsa gochuu, laastiki galaana keessatti walitti qabamuu dhaan faalama inni dhaqqabsiisu dhaabuu dha.
Kaka’umsi kunis baatilee 14n duraa keessatti tarkaanfiiwwan bulchiinsa Baayidenii fi Hariis-n fudhataman keessaa ti. Kanneen kunis walii galtee Yunaaytid Isteetis fi Chaayinaan irra ga’an kan Glasgow Declaration jedhamuu fi yeroo akkaan murteessaa kan bara 2020mootaa keessa qilleensa naannoo ilaalchisuun irra ga’ame ture. Kunis biyyoota balaa jijjiirama qilleensaaf saaximalmoo ta’an waliin michummaa uumuu dhaan hooganoota biyyoota addunyaa 40 ta’an waliin rakkoo jijjiirama qilleensaa furuuf tattaaffii ta’e of keessaa qaba.
Bulchiinsichi rakkoo qilleensa naannoo ilaalchisee jiru imaammata alaa keessatti dursa kennuufii dhaan gaazii gara qilleensaatti gad dhiisamu gad xiqqeessuu, fedhii sadarkaa addunyaa kana ilaalchisee jiru saffisuu fi gama kanaan investmentii jiru ol guddisuu dha.
Walii galtee hooggana Yunaayitid Isteetsiin gegeessame kan Glasgow keessaaf haa toluu tii, sadarkaa addunyaatti daballi ho’a qilleensa naannoo degrees Celsius 1.5 akka hin dabarre gochuutti dhiyaanneerra jechuu dhaan miinistriin dhimma ala Antonii Bilinken guyyaa dachee iratti haasaa dhageessisaniin beeksisaniiru.
Itti dabaluu dhaan akka walii galtee Paarisitti, bara 2050tti gaaziin gara qilleensaatti gad dhiisamu madaala isaa eeguu isaa eeguu akkamiin itti milkaa’uun akka danda’amu akkasumas gamtaa Awrooppaa waliin ta’uu dhaan biyyoota saddeeti kanneen gaazii qilleensatti gad dhiisame gad xiqqeessuu irratti hojjetan waliin michummaa dhaan hojjetaa jirra. Kunis gaazii qilleensa faalu gad xiqqeessuuf akkasumas ho’a qilleensaa akka hin hammaanne gochuun tarsiimoo milkaa’ina qabu kan yeroo gabaabaa ti.
Waggaan darbe kun, dachii qilleensa gaarii qabdu argachuuf cicha guddaa sadarkaa addunyaatti qabnu yeroo itti mul’isne dha jechuu dhaan gulaalaan har’aa yaada isaa xumura.