Accessibility links

Breaking News

Yunaaytid Isteetis Uggura Meeshaa Waraanaa Iraan Irratti Deebistee Jirti


Yunaayitid Isteetis akka murtii gola naga eegumsaa 2231tti mirga jiru fayyadamuu dhaan kan silaa Onkoolessa 18 xmururamuuf jiru uggura meeshaa waraanaa dabalatee uggura tokkummaa mootummootaa Iraan irratti deebistee jirti. Prezidaant Doonaald Trampis niewkilera iraan, misaayilaa fi deddeebii meeshaa waraanaa kanneen deggeran waaltaalee fi namoota dhuunfaa irra uggura haaraa kan daldala alaa to’achuu dandeessisu ajaja sadarkaa ol aanaa dabarsaniiru.

Ministriin haajaa alaa Maayik Pompeeyoo tuuta oduuf ibsa kennaniin ajaja sadarkaa ol aanaa kan prezidaantichaan, uggura meeshaa waraanaa kan tokkummaa mootummootaa hojii irra oolchuu fi akkasumas kanneen uggura tokkummaa mootummootaa jalaa miliquu yaalan itti gaafatamtoota kan taasisu meeshaa haaraa fi cimaa dha ittiin jedhan.

Hojiin keenya har’aa akeekkachiisa naannoo addunyaatti dhaga’amuu qabu. Eenyuun iyyuu yoo taate yoo uggura deddeebii meeshaa waraanaa tokkummaan mootummootaa Iraan irra kaa’e cabsite uggurri sirra kaa’amuu mala.

Tokkummaa mootummootaatti bakka buutuun Yunaayitid Isteetis Keelii Kraaft golli naga eegumsaa uggurri meeshaa waraanaa Iraan Irra kaa’ame yeroon isaa akka dheeratu gochuu dhabee booda Yunaayitid Isteetis tarkaanfii dhiyeenyaa kana akka fudhatte tuqaniiru.

Akkuman irra deddeebi’ee dubbadhe yeroo milkaa’uu didu nuti hin dhaabnu. Abdiin dogoggoraa kan Walii galteen Niwkileraa Iraan fedhii niwkileraa Iraan of keessaa qabaachuu danda’a jedhu miseensota gola naga eegumsaa itti gaafatama isaanii irraa maqsuu hin qabu. murtii 2231 irratti akka ibsametti uggura jiru irra deebi’uun kaa’uuf itti gaafatamatu irra jira. Biyyoonni miseensota ta’an itti gaafatama seeraa irra jiru ni ba’u. Iraan irras deebisanii uggura ni kaa’.

Gorsaan naga eegumsa biyyoolessaa Roobert O’Brien bulchiinsi Iran cicha qabu eegee jiraachuu yoo hin dandeenye Yunaayitid Isteetis uggura tokkummaan mootummootaa Iraan irra kaa’e deebisuun akka walii galteen niwkileraa Iraan kan bara 2015tti mirkanuu kennuufiin isa ijoo ta’uu ibsaniiru.

Mootummaan Iraan waa’ee sagantaa meeshaa niwkileraa isaa, waa’ee tuullaa meeshaa waraanaa irra deddeebi’ee kijibuu dhaan to’attoonni sadarkaa addunyaa akka hin seenne dhorkaa ture. Tarkaanfiiwwan har’aa amala akkasiif obsi akka hin jiraanne mootummaa Iraaniif ergaa ifaa ta’e dabarsa. Yunaayitid Isteetis hawaasa addunyaaf ergaa wal hin gaafachiisne dabarsaa jirti. Kanneen Iraaniin jajjabeessanii fi gocha hamaa Iraan irraa fagaachuu qabu.

Meeshaa nukleraa Iraan ykn dhiibbaa fiduu isa jedhu faana dha’uun qabeenyaa balleessuu irra mootummaan Iran kan uummati Iraan barbaadu biyya badhaatee akka jiraatu gochuu qaba jedhan gorsaan naga eegumsa biyyoolessaa O’Brien. Prezidaant Tramp, Iraan yoo daandii nageenyaa filachuuf tole jette Ameerikaan cina ishee akka dhaabattu mul’inatti dubbataniiru jechuu dhaan gulaalaan har’aa yaada isaa xumura.

XS
SM
MD
LG