Accessibility links

Breaking News

Sudaan Kibbaa Rakkoo Keessa Seentee Jirti Jechuun Caasaan Akeekkachisa Beelaa USAID fi "Fews Net" Jedhamu Beeksise


Sudaan Kibbaa rakkoo bifa adda addaa qabu keessa seentee jirti jechuun caasaan akeekkachisa Beelaa kan USAID fi "Fews Net" jedhamu beeksisee jira.Sudaan Kibbaa hanga baatii Amajjii fullee keenyaa bara 2021tti hanqiinnii wabii nyaataa hamaan ishee mudatuu isa kan bara 2014 asitti guddicha.

Haallii qilleensaa hammaachuu fi tasgabiin dinagdee dhabamuun rakkoo kanaaf kan gumaache qaba.Walitti bu'iinsii hokkara kaasisees akkasuma.Sagantaan nyaata addunyaa akka jedhutti balaan lolaa bishaanii mudatee omiisha mancaasuun, beleedaaleen dhumuun,haala biyyattii keessaa raafamaa ture hammeesse.

Kana malees beela, hanqiina nyaataa fi godaansa hordoofsisee jira.Keessumaa ijooleen umriin shanii gadii akka hamaatti miidhaman.

Haaluuma kana keessatti weerarrii dhukkuba Koviid-19 jabaachuu fi tarkaanfiin ittisaa dadhabuun rakkoo dhala namaa duraanuu ture daran hammeessee caasaa tajaajiila eegumsa fayyaa duraanuu dadhabaa turee danqe.

Rakkoo kana hundumaa booda yeroo ammaa lammiwwan Sudaan Kibbaa Miliyoona 7.5 ta'an gargaarsa dhala namaa eeggataa jiru.Yunaaytid Isteetes Fulbaana 21 bara 2020 gargaarsa dhala namaa kan Dolaara Miliyoona dhibba tokkoo fi miliyoona Saddeetii lammiwwan Sudaaan Kibbaaf akka laattu labsite.Kunis lammiwwan Sudaan Kibbaa kanneen biyyoota ollaa ta'an keessa qubatan dabalata.Kanas gumii Tokkummaa Mootummotaa irratti Yunaaytid Isteetes labsite.

Gargaarsa Amerikaan kennitu kun nyaata yeroo hatattamaa,tajaajiila eegumsa fayyaa,bishaan dhugaatii qulqulluu argachuu,qulqulliina naannoo eeguu fi kanneen sudaan Kibbaa keessatti hokkarri saalaa irratti gaggeeffame gargaaruu of keessaa kan qabu ta'u ministeerri haajaa alaa Amerikaa Maayik Pompeyoo ibsa barreeffamaan baasaniin hubachiisan.

Kana malees, gargaarsii kennamuu kun baqattoota Sudaan Kibbaa kanneen biyyoota ollaa keessa jiran fi Miliyoona 2.2 ta'an lubbuun tursuuf sochii gaggeeffamuuf oola.Baqattonni kun irra hedduun dubartootaa fi ijoolleedha.Hawaasoota baqattoota keessummeessaa jiraniifis gargaarsii kun ni kennama.

Tokkummaan Mootummootaa hojjattoota gargaarsa dhala namaa fi gargaarsa samii irraan deddebisuuf akkasumas raabsuuf carraaqqii godhu Amerikaan kan deggertu yoo ta'u caasaalee jaarmayoota kan mootummaa hin ta'iin 30ta'an gargaarsaaf gaggeessaa jiranifis deggersa gooti.

Amerikaan qofaa ishee gargaarsa guddaa kan laattuu taatee jirti.Sudaan Kibbaa fi addunyaa biroo keessatti gargaarsa dhala namaa kanneen kennaa jirru martii jedhu Maayik Pompeyoon,rakkoo Sudaan Kibbaa qabdu hanqisuuf deebii addunyaan kennitu keessatti qooda fudhachuu itti fuufna jedhan.

Gargaarsa arjoomtoota biraa kennamaa jiran ni dinqisiifanna kan jedhan Pompeyoon, garu gaaffii gargaarsa dhala namaa guddaa deebii hin argatiin hafanii fi waamicha dhiyaataa jiraniif, arjoomtonni amma jiranis ta'e haaraan waadaa akka seenan akkasumas kanneen ammaan dura waadaa seenanii turanis akka fixaan baasanii gargaarsa lubbuu namaa dheereessuuf gaggeeffamaa jiru itti fuufsisuu qabna jedhan.

XS
SM
MD
LG