Accessibility links

Breaking News

Namoota Bulchiinsa Gara-Jabeessaa Iraaniin Dararaman


Teeraanitti kan argamu Embasiin Ameerikaa waggaa 41ffaa inni itti weerarametti ministriin dhimmi alaa Maayik Pompeeyoo mootummaan Iraan ajendaa isaa hamtuu babal’ifachuuf namoota iggituu itti fufee jira jedhan.

Iraan dogoggoraan kan hiite lammiiwwan Ameerikaa Moraad Tahabaaz, Simaak fi Baquyeer Namazii akka gad dhiistu akkasumas waggoota 13 dura ukkaamsamanii kan butaman bakka bu’aa FBI Robert Levinsoniifis itti gaafatamummaa akka fudhattu waamicha dabarsaniiru.

Pompeyoon akka ibsanitti garuu bulchiinsa gara jabeessa Iraaniin kan dararaman namoota nagaa qofaa utuu hin taane, mootummaa kanaan yeroo dheeraaf kan dararaman uummata Iraan, kanaaf jireenya wayyaawaa argachuu qabu jedha.

Haala mirga namaa Iraan keessaa ilaalchisuun gabaasaa addaa tokkummaa mootummootaa Javaad Reehmaan gabaasa isaan dhiyeenya baasan gamaaggama Poompeyoo ni deggera.

Gumii walii gala tokkummaa mootummootaa koree sadaffaaf gabaasa dhiyeessaniin Mr. Reehmaan, haalli qabiyyyee mirga namaa Iran keessaa tooftaa dhaan mirga namaa dhiituu fi tooftaa dhaan himatamuu dhabuun mirga namaa dhiibuu jedhamuun adda ba’a jedhan.

Waggaa dharbe namoonni dhibban laka’aman kan itti ajjeefaman mormii farra mootummaatiin bulchiinsi Iraan deebii gara jabinaa inni kenne tuquu dhaan Mr. Rahimaan akka jedhanitti Iraan Sadaasa bara 2019 fi Amajjii bara 2020 hiriira mormii geggeessame irratti tarkaanfii humnaa fudhatame qaama walabaa fi ifa ta’een qorannaa geggeessee kanneen dhiittaa mirga namaa raawwatan fuula murtiitti dhiyeessuu qaba jedhniiru.

Gochaawwan bulchiinsichaa garuu ifaa fi walaba ta’uun qaruma kan nama yaaddessan akka hin taane mul’isa.

“Hiriirtota mormii irratti dararaa fi adaba gara jabinaa raawwatamuu, dararaa miidhamtoota murtiin haqaa akka mirkanaa’u gaafatan irratti raawwatamuu fi kanneen badii dalagan itti gaafatamuu dhabuu dha jedhan.”

Gabaasaa addaa kan ta’an Rehmaan itti dabaluu dhaan mormitoonni dirqisiisamanii ragaa akka of irratti ba’anii booda kan murtiin du’aa itti muramee fi abukaatolee, gaazexeessotaa fi leellistoota mirga namaa dabalatee haala mana hidhaa suukaneessaa isaan keessatti hidhamanii jiranii tuqaniiru.

Akkuma pompeyoon hoogganoota Iraanitti himan, badhaadhinni dhugaa Iraaniif dhufuu kan danda’u, yoo uummata keessan shororkeessuu fi hidhuu dhaabdan qofa. Uumata keessan kabajaa dhalli namaa argachuu qabu kennaafii jedhan jechuu dhaan gulaalaan har’aa yaada isaa xumura.

XS
SM
MD
LG