Accessibility links

Breaking News

Dhimma Waliigaltee "Jalqabbii haarawa’ Jedhamu


Prezidaant Joo Baayiden, akkuma taayitaa qabatanii waajira seenanitti tarkaanfiilee isaan fudhatan keessaa tokko, waligalteen to’annaa meeshaalee niyuukilaraa Yunaayitid Isteetis fi Raashiyaa gidduutti hafte tokkittiin kan “New START Treaty” jechuunis ‘Waliigaltee Jalqabbii haarawa’ jedhamu akka waggaa shan fuul-duraaf haaressamu yaada dhiheessuu ture. Walii-galteen kun, yeroon isaa ka duraanii gaafa Guraandhala shanii, Jimaata kana dhumata.

Prezidaant Baayidenii fi Prezidaantiin Raashiyaa Vilaadmiir Puutiin, waliin haasaa isaanii bilbilaa ka jalqabaa irratti, akka yeroon waliigaltee kanaa haaressamu biyyoonni isaanii ka fedhan tahuu walii ibsanii, akka gurmuuleen gam-lameenii walitti-dhufanii gaafa Guraandhala shanii haaressuu walii-galtichaa xumuran waliigalan, jechuudhaan masaraan Waayit Haawus, haasawa hoogganoota lameen gidduu dubbisaan beeksisee jira.

Haasawa Prezidaantotaa sana guyyaa tokkoo booda immoo, manneen-maree Raashiyaa lameen, akka yeroon waliigaltee to’annaa niyuukilaraa sun waggaa shaniif haareffamu sagalee guutuudhaan raggaaisan.

Waliigalteen “New START Treaty” jedhamu kun bara 2010 Prezidaant Baaraak Obaamaa fi gita isaanii ka Raashiyaa, Prezidaant Dimiitirii Medvedev’n mallatteesame. Walligalteen kun akka biyyi tokko furguggee niyuukilaraa qiyyaafatamanii 1,550, misaahelootaa fi boombessoota qiyyaafataman 700, laawuncherootaa fi boombessoota ICBM fi SLBM qiyyaafatamanii fi hin qiyyaafatamiin 800 caalaa hin qabanne daangessa. Kana malees akka biyyoonni lameen waliigaltee kana hojii irra oolchan mirkaneessuuf, bakkawwan meeshaalee ilaalanii qorachuu eyyama.

Dubbi-himtuun Waayit Haawus, Jeen Pisaakii, ibsa gaazzexeessotaaaf kennaniin, “Waliigalteen ‘New START’ jedhamu waliigaltee humna niyuukilaraa Raashiyaa ittiin daangessuuf hafee jiru tokkittii dha. Kan sabatiinsi tarsiimoo biyyoota lameen gidduu itti rarra’ee jiru,” jedhan.

Itti-gaafatamaan preesii Pentaagon Joon Kirbii, waliigaltee “New START” jedhamu kanatti buluuf waliigaluun fayidaa naga-eegumsaa biyyoolessaa keenyaallee eegsisa. Waliigalteen kun jiraachuu fi haaressamuun akka lammiwwan Ameerikaa nageenya wayyaa qabaatan taasisa.” Jedhan.

Itti fufuudhaanis, waliigaltee kuusaa meeshaalee niyuukilaraa tarsiimawoo daangessu kana haga bara 2026tti dheeressuun, waliigalteelee meeshaalee ittiin to’atan mirkanaa’oo tahan biroo, kanneen balaa lammiwwan Ameerikaa irraa xiqqeessan biyyoota lameen gidduutti yaaluuf, yeroo iddoo kenna, jedhanii jiran.

Yunaayitid Isteetis gama Raashiyaan danqaa fuul-dura ishee jiru waan hubannaan ilaaltu yoo tahu, gama biraan garuu, meeshaa niyuukilaraa Chaayinaa shaffisaan guddataa jiru ilaalchisees, to’annaan akka barbaachisu argaa jirti.

Prezidaant Baayiden, yeroo prezidaant Puutiin waliin bilbilaan dubbatan, waa’ee waliigaltee “NEW START” dheeressuu qof otuu hin taane, tarkaanfii abbaa-biyyummaa Yukireenif sodaachisu, karaa saayiberii yokaan interneetii iccitii kaampaaniilee fi mootummaa Yunaayid Isteetis hatuu, dhimma filannoo Yunaayitid Isteetis ka bara 2020 keessa seenuu, waa’ee loltoota Yunaayitid Isteetis Afgaanistaan keessaa fi waa’ee Raashiyaan mormituu biyya ishee Aleksee Naavalnii summiin miidhuu dabalee gochaalee Raashiyaa jeeqama uuman irratti haasawanii jiran.

Prezidaant Baayiden, ibsa gaazzexeessotaaf kennaniin, “akkuma waliigaltee NEW START kana faayidaa biyyoota lameeniif waliin akka hojjechuu dandeenyu hubadheen jira. Garuu, waa’ee amala isaanii akka baay’ee yaddoo qabhnus ifa godheeraaf,” jedhan, jechuun gulaalaan har’aa ibsa isaa xumura.

XS
SM
MD
LG