Baatii Amajjii keessa seenaa dhala namaa keessatti gochi suukaneessaan Naazii Jarmanii fi wal taatonni isaa waliin ta’uu dhaan uummata Juushotaa tooftaan itti dhabamsiiisantu yaadatama.
Fixiinsi sun waraana addunyaa lammaffaa waliin waggaa tokko keessa raawwatamuu isaa hubannoon jiraatus, jalqabbiin isaa sana dura ture. Dhugumatti fixiinsi sanyii sun kan jalqabe bara 1930moota ennaa paartiin Naazii aangootti dhufee fi mootummaan Jarmanii kanneen uummata gad aanoo dha jedhu irratti fuuleffachuu jalqabe ture.
Namoonni sun irra heddduun siivilota yoo ta’an itti marfamee, gandeen hiyyeeyyii keessatti itti cufamuun keellaa tokkotti walitti tuucha’anii ykn mooraa garbummaaf dabarfamanii kennaman keessa turan.
Namoonni hedduunis itti dhukaafamuu dhaan ajjeefamanii boolla tokkootti naqaman. Xumura bara 1941 keessa mooraalee hedduu keessatti ajjeechaa jamaa hamaatu jalqabame.
Sana booda Amajjii 20, bara 1942 hoogganni Naazii konferensii Waansee jedhamuun” furmaata dhumaa” ka jedhu kunis qaama uummataa tokko dhabamsiisuu akka imaammata mootummaatti fudhatee juushota irratti fixiinsi hamaan raawwatame.
Sun, qaama waraana addunyaa lammaffaa ture, garuu tattaaffii waraana Jarmaniittii adda ture. Furmaata dhumaa inni jedhu juushota miliyoona ja’a ta’an du’aaf saaxile.
Seenaa dhala namaa keessatti fixiinsi guddaan akkasii dhumaatii namaaf akka imaammata mootummaatti hojii irra oolee hin beeku.
Yaadannoon guyyaa fixiinsa sanyiii addunyaa, kanneen Naazi dhaan dhuman yaadachuu ykn kanneen ajjeefaman kabajaan yaadachuu qofaaf utuu hin taane dhalli namaa gochaalee suukaneessaa akkamii raawwachuu akka danda’u ofii keenya yaadachiisuuf jecha.
Kun deebi’ee hin uumamu jechuu dhaan gumiin walii galaa kan tokkummaa mootummootaa yakka fixiinsa sanyii ittisuu fi adaba isaa kan ilaaleen bara 1948 keessa seera baase.
Haa ta’u malee baatii Amajjii keessa Kaamboodiyaa, Rwaandaa, Boosniyaa fi Daarfuur keessatti kan raawwatame fixiinsa sanyii ni yaadanna.
Namni Falaasumaa lammii Ispeen Joorj Santayaanaa yeroo tokko ennaa barreessu, “kanneen isa darbe yaadachuu hin dandeenye gocha isanii irra deeb’u jedhamuun balaaleffatamu” jedhe jechuu dhaan gulaalaan har’aa yaada isaa xumura.