Accessibility links

Breaking News

Somaaliyaan Filannoo Akka Malee Boodatti Harkifatee Jiru Kana Geggeessuu Qabdi


Adeemsi siyaasaa Somaaliyaa keessaa boodatti harkifachuun biyyattii keessatti rakkoo siyaasaa uume. Ministriin dhimma alaa Antonii Biliinken ibsa barreeffamaan kennaniin “Ameerikaan falmiin filannoo Somaaliyaa nagaa biyyattii, sabatiinsaa fi misooma balaa irra kan buusuu fi wal amantaa siyaasaa dhabamuu uumaa jira” jedhan.

Akka heera Somaaliyaa kan yerootti, filannoowwan paarlamaa fi prezidaantummaa yeroo waggaa afurii mootummaan aangoo of harkaa qabu keessatti geggeessamuu qaba.

Fulbaana bara 2020 keessa maqaa Farmaajoo jedhamuun kan beekaman prezidaant Mohammed Abdullaahii Mohaammed fi hoogganoonni kutaalee miseensota federaalaa shan caasaa filannoo geggeessuu dandeessisu irratti walii galanis, paartileen adeemssa isaa bu’aa ofiif itti fayyadaman jechuun walii isaanii himatan. Falmii filannoo ilaalchisee jiru hiikuuf mariiwwan hedduun geggeessamanis furmaata hin arganne, kunis danqaa siyaasaa uumee jira.

Yeroon aangoo prezidaant Farmaajoo Guraandhala 8 dhumate. Haa ta’u malee hanga filannoon xumuramutti murtii paarlaamaan kan caasaa walii galtee filannoo Fulbaana bara 2020 raggaasisee kan yeroo aangoo isaanii dheeresseef tuquu dhaan aangootti cichan.

Bara 2012 fi 2016 keessa akkuma yeroon ce’umsaa boodatti harifate, prezidaant Farmaajoon gama mormitootaa irraa hanga ammaa adeemsa filannoo fi waaltaalee eegumsa fayyaa akka to’ataniif gaaffii dhiyaate hin simanne.

Kun immoo muddama fi hookkarri akka uumamuuf sababaa ta'ee, miseensota naga eegumsaa fi milishoota hidhata mormitootaa qaban gidduutti Guraandhala 16, hooggana mormitootaan Moqaadishoo keessatti mormiin mootummaa irratti akka ka’uuf sababaa ta’e. Haalli balaafamaan kun hatattamaan furmaata argachuu qaba.

Ministriin dhimma alaa Yunaayitid Isteetis Blinken, “Mootummaan federaalaa Somaaliyaa fi hoogganoonni kutaalee miseensota ta’anii ilaalcha siyaasaa isaanii dhiphoo boodatti dhiisanii, itti gaafatama uummata Somaaliyaaf irra jiru akka ba’an akkasumas filannoon ifaa fi hunda hirmaachise hatattamaan akka geggeessan waamicha dhiyeessina,” Jedhan.

“Rakkkoon yeroo ammaa guddina hanga ammaatti argame kan faallessu, Somaaliyaa liqaa irraa kan boqochiisu jijjiirama hatattamaan barbaachisutti akka hin deemne ittisuu dhaan shorokeessummaa irratti duula geggeessamu danqa” jedhan.

Yunaayitid isteetis mirga lammiiwwan Somaaliyaa mormii karaa nagaa geggeessan ni deggera, akkasumas hookkara qaama kamiinuu oofamu ni morma.

Hoogganoonni Somaaliyaa hegeree biyyattiif eegumsa akka godhan fi filannoo paarlaamaaf ka prezidaantummaa hatattamaan geggeessuuf akka walii galan gaafanna jechuu dhaan gulaalaan har’aa yaada isaa xumura.

XS
SM
MD
LG