Accessibility links

Breaking News

Qarqaarsa Namoomaa Dabalataa, Sudaan Kibbaaf


Barri 2021 uummata Sudaan kibbaaf waggaa hamaa dha. Tokkummaan mootummootaa akka beeksisetti biyattiin waggaa kudhan dura walabummaa ishee erga gonfattee as hanqinni nyaataa fi nyaata madaalamaa guddaan ishee mudatee jira. Dhugumatti baatii Caamsaa hanga Adoolessaatti kan jiru yeroon beelaa kan kana duraa irra hedduu hamaa ta’uu mala jedhamee eegama. Tilmaamaan ijoollee miliyoona 1.4 kanneen hanqina nyaata madaalamaa hamaan dararaman dabalatee, uummati miliyoonni 7.7 baay’ina uummata biyyattii sadii keessaa harki lama kan ta’u gargaarsa midhaan nyaaataa eeggataa jiran.

Balaawwan uumamaa qaama rakkoo kanaa ti. Dhiibbaan balaa lolaa hamaa dhiyeenyaas weerara COVID-19tti dabalame. Garuu rakkoo irra hedduun kan hari namaa uume, walitti bu’iinsa hawaasa keessa jiru, falmii siyaasaa fi malaammaltummaan sabatiinsi dhabamuuf sababaa dha. Rakkoon jiru waggaa darbe sababaa balaa lolaa hamaa, weerara awwaannisaa fi weerara COVID-19n daran hammaate.

Naannoo Sudaan kibbaa hanga tokko keessatti gara beelaatti kan geessu hanqinni nyaataa kan isa mudate uummata Sudaan Kibbaaf walakkeessa baatii Ebla qabee Yunaayitid Isteetis deggersa doolaara miliyoona $95 ol kan gumaachitu ta’uu labsitee jirti.

Deggersi kun hanga ammaa bara 2021 gargaarsa Ameerikaan kennite doolaara $482 oliin ga’ee jira. Mootummaan Yunaayitid Isteetis maallaq kanaan kunuunsa fayyaa barbaachisu, qubsuma, bishaan dhugaatii qulqulluu, qulqullina naannoo fi tajaajila qulqullina dhuunfaa akkasumas kanneen miliyoonaan laka’aman nyaataa fi nyaata madaalamaa dhabuun kanneen miidhamaniif akka ooluuf kenne.

Jaarmayaa gargaarsa misoomaa kan Yunaayitid Isteetis USAIDn qonnaan hanga danda’ame qonnaan bultoota Sudaan kanneen oomisha isaanii yeroo makaraa galfatan irraa midhaan ni bita. Haala kanaan USAIDn waggaa kana oomishini midhaanii guddaan akka jiraatu ni jajjabeesa.

Deggersi Ameerikaa kun namoota biyya ofii keessatti qe’ee ofii irraa buqqa’an akkasumas baqattoota Sudaan kibbaa kanneen hawaasi Ugaandaa, Sudaan, Itiyoopiyaa, Keeniyaa fi Ripaablikiin dimokraatawaa Koongoo simataniif illee kan oolu ta’a.

Yunaayitid Isteetis biyya Sudaan kibbaaf gargaarsa namoomaa guddaa kennitu. Gargaarsi namoomaa balaa harki namaa fideef furmaata hin ta’u, garuu siviloota lubbuu oolchuu akkasumas dararaa isaan irra ga’u salphisuuf baay’ee barbaachisaa dha. Dhuma irratti malli tokkichi dararaa uummata Sudaan kibbaa xumuraan ga’u furmaata siyaasaa qofa jechuun gulaalaan har’aa yaada isaa xumura.

XS
SM
MD
LG