Accessibility links

Breaking News

Ittisa Dhukkuba Vaayrasii Koronaa Addunyaan itti Jirtu Hoogganuu


Yunaayitid Isteetis duruu biyyoota hollaa ishee Meeksiikoo fi Kanaadaa dhaaf talaallii liqaa dhaan kenniteetti. Kanaaf Ameerikaan talaallii ga’aan hundumaa akka wal ga’uuf michoota addunyaa kanneen oomishan waliin ni hojjetti. Dhuma irrattis, Ameerikaan weerara gara fuula duraatti mudachuu malu dura dhaabbachuuf qophii barbaachisu ni gooti jedhan Bilinken.

“kun biyyoonni iftoominaan Ogeessota sadarkaa adduyaa waliin odeeffannoo wa jijjiiruu gaafata. Maallaqa, dandeettii rakkoo dura dhaabbachuu, fi itti gaafatamummaan akka jiraatu barbaanna.

Akka kanaan biyyoonni martinuu, weerara itti aanu ittisuuf hatattamaan tarkaanfii fudhaachuu danda’u. kanaaf maal akka uumamee fi weerarri kun attamiin akka jalqabe qorannoon guutuu fi ifaa ta’e akka geggeessamu dhiibbaa gochuu itti fufna. Deebi’ee lammata akka hin mudanneetti.

Galmaawwan kana bakkaan ga’uuf, ministrichi Blinken Gayle Smith-n dhimma COVID-19f deebii kennuu fi fayyummaa uummataa amansiisaa ta’ee akka jiraatu akka qindeessan muudanii jiran. Yeroon kun yeroo barbaachisaa dha. Yeroo itti waan guddaa yaannuu fi ija jabinaan itti hojjennu. Ministrichi Biliinken, kanaaf Yunaayitd Isteetis haala rakkisaa kanaaf deebii kennuuf ciminaan ni dhaabatti jedhan jechuu dhaan gulaalaan har’aa yaada isaa xumura.

XS
SM
MD
LG