Accessibility links

Breaking News

Hariiroowwan Rakkinaalee Akka Addunyaatti Jiran Furuu Qaban


“Yeroo itti tokkummaan mootummootaa hundeeffame caalaa yeroo ammayyaa kana keessatti yeroon nageenyaa ykn badhaadinni itti labsame hin argamne. Walitti bu’iinsa biyyoota nuklera hidhatan gidduu jiru ittisnee jirra. Namoonni miliyoonaan laka’aman hiyyummaa keessaa akka ba’an gargaarree jirra. Mirgi namaa isa yeroo kamiinuu caalaa akka fooyya’u gooneerra jechuu dhaan ministriin dhimmi alaa Antonii Blinken Ebla 7 wal ga’ii gola naga eegumsaa kan tokkummaa mootummootaaf ibsaniiru.

Sababiin isaas waraansa addunyaa lammaffaa booddee hawaasaaleen biyyootaa, yaada dullacha kan wal dorgommiin gara walitti bu’iinsaatti geessa, sabi inni tokko guddachuun isa kaanfii kufaatii ta’a tilmaama jedhu irraa deebi’anii jiran.

Kanaaf fixiinsa waraansa addunyaa booda deggersa tokkummaa mootummootaa haaraa hundeeffameen, Biyyoonni daandii adda ta’e filachuu dhaan tokkoomuu filatan jedhan ministrichi dhimmi alaa Blinken.

Qajeelfamoota, walitti bu’iinsa ittisan fi dararaa dhala namaa gad xiqqeessu, mirgawwan namaaf beekkannaa kennuu fi kabaju, nama mara fayyadamaa gochuu irratti sirna fuuleffate gad dhaabuuf walitti fufee mariin akka geggeessamu jajjabeessu qopheessine.

Garuu milkaa’ina argamee hin beekamnee fi cimaan jiraatus, dabalaa kan dhufe miira sabummaa, hacuuccaa,walitti bu’iinsa biyyoota gidduu, haleellaaleen ajaja qajeelfama jiruun alaa belbeluun, balaa hamaa dha. Ta’us rakkoo addunyaa fuula dura jiru furuu yoo barbaanne, wal ta’iinsi hunda hirmaachise qofti mala tokkicha mit, dirqiitti barbaachisaa dha jedhan ministrichi Blinken.

Wal ta’iinsi rakkoo addunyaa guddicha hiikuuf amma iyyuu mala keenya isa gaarii dha jedhan Blinken.

Weerarri COVID-19 jireenya addunyaa kanaa jijjiire. Miliyoonaan kan laka’aman dhumanii, dinagee, fayyummaa, barnootaa fi guddina dinagdee irratti dhiibbaa hamaa qabaateera. Jijjiiramni qilleensaas yaaddoo hamaa ka biro dha.. yoo gaazii summaa’aa qilleensa irratti gad dhiisamu hin xiqqeessinu ta’e daafoon isaa hamaa ta’uuf jira

“Rakkoolee wal xaxaa akkasii furuuf sirna hunda hirmaachise kan hundeessineef , carraan biyyoota naannoo addunyaa wal hidhee waan jiruuf akkasumas, biyyi tokkittiin qofaa hagam cimaa iyyuu yoo ta’e rakkoo addunyaa kanaa furuu waan hin dandeenyeefi jedhan Blinken.

“Kanaafi kan Yunaayitid Isteetis COVID-19 dhabamsiisuu akkasumas rakkoo jijjiirama qilleensaa hanqisuuf waaltaalee hedduu waliin kan hojjettuuf. Nutis ennaa kana goonu,, qajeelfama ijoo kan sadarkaa addunyaa ni kabajina."

Ministrichi Blinken, adda addumman, walii galtee keenya dura akka dhaabatu eeyamuun balaa inni fidu hamaa dha jedhan jechuu dhaan gulaalaan har’aa yaada isaa xumura.

XS
SM
MD
LG