Accessibility links

Breaking News

Yunaaytis Isteets Hokkara Hojjattoota Qarqaarsaaratti Godhamu ni Balaaleffatti


Bara 2011 bilisummaa ishee kan gonfattee Sudaan Kibbaa yeroo dheeraaf rakkoo dhala namaa kan gosa adda addaan rakkkataa jirti.Waggoota diigdamaaf Sudaan kaabaa fi kibbaa giddutti wal waraansii gaggeeffame, hiyyuma fidee, Jubaan muddamsii sudaan waliin qabdu akka boba’aan gurguurtaaf gara biyya alaatti ergamuu bara 2012 keessa eega dhaabatee dinagdee biyyattii caccabee mootummaa fi biyyatti tasgabii dadhabsisee jira.

Kanaafis jecha mootummaan Sudaan Kibbaa rakkoo biyya keessaa fi balaa uumamaaf deebii qubsaa kennuu hin dandeenye.Kana malees balaa loolaa bishanii, caama fi uumamee waggoota torbaaf walitti bu’iinsii hidhannoo biyyattiiuma keessatti gaggeeffamee sochii hojii qonnaa fi horsiiisa beeleedaalee mancaase.

Gabaa fi daldallii qaala’uun wabii nyaataa hammeessee gargraasii dhala namaa hanqiise.

Sudaan Kibbaa har’a nyaata, caasaalee tajaajiilaa fi hojii nagaa eegsisuu kan hokkara saalaa ittisu yoo uumamees deebii kennuu dabalatee harka caalaa isaa hawaasa gargaarsa dhala namaa soran irratti hirkattee jirti.

Hedduumiina uummata sudaan kibbaa Miliyoona 12 keessaa kanneen Miliyoona 8.3 ta’an ykn harkii 70ni gargaarsa dhala namaa ykn kan hatattamaa bara keessa jirru 2021tti isaan barbaachiisa jedha Tokkummaan Mootummootaa.

Gama kaaniin immo Sudaan Kibbaa hojjattoota gargaarsa dhala namaa kanneen biyya ishee keessaa hojjataa jiraniif iddoo balaa guddaa qabu taatee jirti jechuun bulchiituun jaarmayaa USAID samaantaa power ibsa dhiyeenya kana baasaniin hubachiisanii jiru.

Jalqaba bara 2020 kaasee hojjattoota gargaarsa dhala namaa irratti yeroo 400 caalaa gochii hokkaraa gaggeffamuu Tokkummaan Mootummootaa gabaasee jira.Kunis bara keessa jirru 2021 keessa jirru baatii Eeblaa keessa hojjattoonni gargaarsaa lama ajjeefamuu dabalata.

Hokkara kana kan balaaleeffatttee Yunaaytid Isteetes mootummaan sudaan kibbaa sivilootaa fi hojjattoota gargaarsaaf eeguumas akka godhu, kanneen gocha kana raawwatanis Renk, Torit fi Jamjang keessaa to’annaa jala akka oolchuuf samaantaa Paawar gaafatanii jiru. Jaarmayoota gargaarsaa irratti hokkarri oofamuu hojjattoota gargaarsaa qofa otoo hin taanee raabsa gargaarsa lubbuu namaa du’a irraa oolchuu jeequun kanneen eeggataa jiran rakkoof saaxiila.Dhiyeenya kana kutaa Naayiil isa ol aanuu kan haallii jiru beellii seenuuf dhiyaachuun isaa mul’atu keessatti namoonni kuma 45 ta’an gargaarsa akkaan isaan barbaachiisu karaa itti argatan dhaban jedhan.

Michoonni keenya kan gargaarsa dhala namaa human ofii ituu hin qusatiin hojjataa kan jiran ta’uus gargaarsa nyaataa sana raabsuuf balaa guddaatu isaan eeggata.

Nageenya isaanii eeganii namoota gargaarsa barbaadan dhorkaa tokko malee dhaqqabuuf uummanni lubbuun akka turu gochuuf akkaan barbaachisaa ta’a.Haleellaa, doorsiisa ykn sodaachiis hojjattoota gargaarsaa irratti gaggeeffamuu, lammii biyya kami iyyu haa ta’an fudhatama hin qabu.

Mootummaan Sudaan Kibbaa hojjattoota gargaarsaaf eeguumsa gochuuf battalumatti tarkaanfii akka qabu, akkasumas kanneen wabii nyaataa fi gargaarsa akkaan barbaachiisaa ta;an hin qabnee dhaqqabuuf, karaan dhorkaa tokko malee haala dhaabbataa ta’een banaa akka ta’u gaafachuun gulaalaan har’a yaada isaa xumuree jira.

XS
SM
MD
LG