Accessibility links

Breaking News

Walti dhufeenya Yunaayitid Isteets fi Raashiyaa Irratti Pirezdaant Baaydeen


Walti dhufeenyii yunaayitid isteets fi Raashiyaa gidduu jiruu akkataa sabtaa’aa fi tilmamaa ta’uu danda’u irratii presidaantii biyya Raashiyaa Bladimiir putiin wajjin ijoo dubbii adda addaa irrati dubbachuu isaanii prezidaantiin yunaayitid isteets joo Bayidan himaniiru.

To’annoo meeshaa waranaa irratii taasifamu dabalatee dhimmii tarsiimoo sabtaa’aa ijoo marii keessaa isa tokko ture. Prezidaant Baayidan Raashiyaan jalqaba marii Sabatiinsa Tarsiimooti makamuu ishee simachuu isaanii ibsaa Gaazexessootaaf kennan irrati dubbataniiru.

Karaa marii kanaatiin yunaayitid Isteets fi Raashiyaan too’annoo meeshawan waraana fi tarkaanfii balaa hirdhisuu irratii fuul duratii ojii lafa qabate qabaachuu barbaadu.

Mariin biraa biyyoon lamman taasiisan tokko waa’ee nageenyaa interneetii ykn isa saayiber sekuuritii ti. Keesumaa waa’ee haleellaa Tajaajila tika alaa Raashiyaa isaa kompiterootaa sadarkaa aduunyaa kumaan lakkawaman irrati xiyyeefatee akkasumas waa’ee wareen biroo Raashiyaa keessa taa’anii lola karaa interneetaa taasisan irratii dubbatmeera.

Dhimaa kana irratii biyyootan lamman ogeeyyotati fayyadamuudhaan waliin ojachuudhaaf akka walii galan prezidaant Baayidan ibsaniiru.

lamiiwan biyyaa Sooriyaa Miiliyoonatti lakkawaman warren rakina cimaa keessaa jiraniif akkataa gargaarsa namoomaa addaan hin cinnee qaqqabsiisuun danda’amuu iraatiis biyyoonii lamman marii taasisaniiru. Akkasumas Afgaanistaan keessati akka umnii shororkeesitootaa hundee hin qabanne waan godhamuu qabuu irrati marii taasisaniiru.

Xiyyeeffannoon marii inni biraa biyyii iraan akka isheen meeshaa nukileeraa hin qabanne mirkaneesuudha.

Prezidaant Baayiden , prezidaant Puutin wajjin dubiin cimaan kaasan yunaayitid isteets birmadumaa fi kabajama daangaa biyya Yuukreen irratii waa’ee kutannoo cimaa qabaachuu isheeti.

Prezidaant Baayidan Dhimmii mirgaa namoomaa yeroo kamuu waan eeyumaa keenya ibsuu jechuudhaan prezidaant puutiinti himaniiru.

waa’ee hogganaa mormitootaa Raashiiyaa isa mana hidhaa jiru Alekseey Navaaliny ilaalchisee, Yoo Navaalinyin mana hidhaa keessatii du’e wantii itti aanee dhufu Raashiyaadhaaf badiinsa cimaa akka ta’ee prezidaant Putiinitii himuu isaanii Presidaant Baayidan ibsa gaazexesootaaf kennan keessatii dubbataniiru.

Akkasumas tamsaasa Radiyoo yunaaytid isteets Radiyoo Free Europr/ Raadiyoo Liibertii irratii ojiin sodaachisaa kiremiliing irraa taasifamuu ibsuudhaan barbaachisumaa preesii wallaba ta’ee fi waa’ee yaadaa ofii bilsummaan ibsachuu Putiinitii himuu isaanii prezidaant Baayidan ibsaniiru.

Akka Baayiden jedhanitii mariin garee lamman gidduutti sa’a dheeradhaaf tasisame haala gaariidhaan ture. Bakkeewan fedhii waloo keenyaa itti guddisnu ,akkasumaf bakkeewan adduunyaadhaaf bu’aa qaban addaan baafnee , yemuu fedhiin keenya tuqamuu deebii yunaayitid isteets kenituu fi dudhaa biyaa keenyaa qoulqulleesinee lafa keenyeera >> jedhaniiruu presidaanti baayidan marii prezidaantii raashiyaa Bladimiir Putiin wajjin marii taasisan ilaalchisee ibsa kana irrati.

Fuula duraati hojiiwwan hojjatamuu qaban jiru. Haata’u malee walitii dhufeenyaa Yunaayitid Isteets fi Raashiyaa irratii akkataa hojjachuu dandeenyyu irratii bu’uura ifa ta’e umneera jedhan Prezidaant Joo Baayidan.

XS
SM
MD
LG