Accessibility links

Breaking News

Gootota 2021, Warra Seeraan Ala Namoota Deddeebisan Mormuudhaf Gabaasanii Kabajuu


Ministeerrii dhimmaa alaa Yunaayitid Isteetes wagga waggaadhaan namoottan wareen seeraan alla namootaan daddabarsaniin mormuudhaaf of kennaniif badhaasa kabajaa kenna.

Akka bara derbee bara kanas sababa Kooviid 19n kan ka’e siriin namoottan 8 badhaasa kabajaa argatanii kan raawwatame karaa tooraa masaritiitin.

Ministeeriin dhimma alaa Yunaayitid Isteets Antoonii Blinken namootaa bara 2021f badhaasaaf filataman galateeffataniru.

Warren namoota dadamaqsan, ojjatoonii mootummaa, hogantoonii miti-mootumma , akkasumaas warren daddabarsiisa namootaa seeraan alaa karaa kamiinuu dhaabsisuu yaalan, warreen midhamtoota gargaaraan ,warreen yakkamtoota seeratii dhiheesuuf gargaarsaa godhan, warren karoora tarkaanfii biyyoolesaa kalqanii hundee rakkinaa isa namooni akka biyya biyyat dadarban taasisu addaan baasuu yaalan jiru. Jedhan Antooonii Biliinken.

"Lammii Briteen Guddittii kan taate Imeldaa Poole jarmiyaa Miti-mootummaa farra namoottan seeraan ala daddabarsuu Mary Waard Looreetuujedhamu hundeessitee, warren Albaaniyaa dhaa fi Awuroopaa keessatii seraan ala namoottan daddabarsaan mormuudhaaf Eropean RENATE network jedhamuu kan umteedha."

Joosiyaan Liina Bemaka Soo’ii Repablikii giddu galeessa Afrikaa keessatii qaama farra namoottan seeraan alaa daddabarsanii ijaaruudhaan biyya ishee keessattii yeroo jalqabaatiif karoorrii tarkaanfii daddarbiinsa namootaa akka ojii irra oolu taasifteetti.

Chaantaal Sagiboo Saasee dimmaa daddabarsiisa namootaa irratti bara kurnan lamaa ojjachuudhaan dhimaa ijoollewaan seeran alaa daddabarasaman irratii ojjatuu jaarimioyaa miti mootummaa beekamaa dhaabuudhaan nama falmaa juruudhaa.

Shoichi Ibusuki jaappaan keessatti mirgaa hojjattoota lammii biyyaa alaa irratii nama hojjatuudhaa. Baraa heduudhaaf jarmiyaa leenjii hojjatoota lammii biyyaa alaa duubaa dhabbachuudhaan midhaa hojjattoota dirqisifamanii hojjaatanii ambisuudhaaf boqonnaa malee hojjateera.

Shaakhnoovaa Khassanoovaa biyya kaazaakistaan irra daarikteera wiirtuu seeraa hermaannaa dubartootaa Saanaa Sezim jedhamuuti. Waa’ee namoottan seeraan ala daddabarsamani irratii hojjati. Waa’ee namoottan dhimmaa Kanaan midhamanii irratii dadamaqiinsaa kenniti. Guutumaa walakeessa Eeshiyaa keessatii baqattoota fi warreen midhaan irra qaqqabee gargaarti.

Guillermina kaabreraa Figerowha abbaa alaamgaa addaa dhimma namoottan seeraan ala daddarbanii irratii kan hojjatan ,dandeetti waajiraa abbaa alangaa mootumaa Meksiikoo nama guddisaniif dhimaa daddarbiinsa namootaa irratti qorannoon akka geggeesamu nama taasisaniidhaa.

Mohammed Al Obeedlii gargaaraa haayyaa duree ministeera bulchiinsa misoomaa,hojii fi dhimmaa hawaasaa mootummaa Kaataar jalatii deggeraa fooyya’insa hojii fi daddarbiinsa namootaati. Akkasumas imaammata fi sagaantaa namoota daddabarsuu irratti qophaawan nama hojiirra olchaniidha.

Roosiyoo Mohrah- Niyeeto biyya ispeen keessatii wagga kurnan lamaaf hookoraa saalaa fi dhimaa dubartuutaa fayiidaa saalatiif daddbarsaman irratii falmii nama godhaniidha.

"Karaa baayeedhaan lollii warra namootan seeraan ala dadabarsuu irratii geggesamee sadarkaa naannootti. Al tokkoo hawaasa tokko irratii hundaa’udhaan. Namoottan jajjaboo wareen dabarsanii of kennanii lolichaa hoggananif kabaja keninaa," jejdhan Antoonii Blinken.

XS
SM
MD
LG