Accessibility links

Breaking News

Jijjiirrama Qilleensaa Hirrisuu irratti Tumsa Yuunaaytid Isteets fi Jaappan


Dhimmaa haalaa qilleensaa irratti jilli addaa Prezidaantii Yunaayitid Isteets Joon keerii yemoo dhiheenyaa kana biyyaa Jaappan daawwatan , Tattaafii waa’ee jijjirama qilleensaa biyyoottan lamman irratti maryataniiru.

Yunaayitid isteets gazii gubataa nageenyaa naannoo miidhuu biyyootan qilleensa irratti gad lakkisan keessaa Chaayinaatti aantee lammaffaa irra jirti . Jaappan sadaffaa dha.

Jaappan waggoottan 30 dhufan keessatti karoorrawan hedduu bakkaan gahuudhaaf murteesiteetti.

"Jaappan murtoowan cimaa irra geesseetti. Waggoottan kudhanan dhufan keessatti gaazii nageenyaa qilleensa naannoo midhan dhibeentaa 45,46, amma 50 ti hirdhisuudhaaf itti gala lafa keeyyateetti. Kunis qaama karoo isaa baraa 2050 ti zeeroo ti gad buusuu ti," jedhan joon keerii.

Waa’ee enerjii haaronfamaa, waa’ee qilleensii gubataan warshaalee keessaa bahu akkaa qileensa keessatii infacaane gochuu, waa’ee kaarboonii warshaalee keessaa bahan hanqisuu irratii beekumsa haaraa maddisiisuuf Yunaayitid isteets fi Jaappan wajjin hojachuudhaaf walii galtee ol guddisaniiru.

Biyyoottan lammaan bara 2021 kaassee jarmiyaaleen umna kasalaatiin socho’an akka gargarsaa mootummaa hin argganne murteesaniiru.

Tattaafii biyyoottan guddachaa jiran, eegumsa haalaa qilleensaatif taasisaa jiran deggeruudhaaf biyyoottan dureeyiin waggaatti qarshii doolaara Biiliyoona 100 gumachuudhaaf murtoo taasisan keessaatti biyyoottan lamman qooda isaanii hin gumaachu.

Bar kurneen kun tarkaanfii dhimma qilleensaa ilaachisee fudhatamuu qabu irratti isa murteessaa akka ta’e Yunaayitid isteets fi Jaappan walii galaniiru.

Jilli addaa yunaayitid isteets joon keerii maqaa uummataa Amerikaatiin ministeeraa eegumsa naannoo Jaappaan Shinjiro Koizumi galateeffataniiru

"Jabeenyaa waltii dhufeenyaa yunaayitid isteets fi jaappan gidduu jiru irratti galataa guddaa isniif qabna. Tattaafii rakkina haalaa qilleensaa irratti taasifamaa jiruuf gargaarsaa keessaniif baayee isin galateeffanna," jedhan joon keerii.

XS
SM
MD
LG