Accessibility links

Breaking News

Deeggasa Walabummaa Piresii


Addunyaa irratti Gaazexxesoota walaba ta’an irratti saansurii gochuu, dorsiisuu, hidhuu akkasumas waajiira isaanii cufuun itti fufee jira.Garee Midiyaa Freedam Koaleeshiin jedhamu keessa kan jiran biyyonni 21 dhiyeenya kana akka ibsanti, aangawoonni Hoong Koong fi Chaayinaa miidhaa midiyaa walaba irra ga’aa jiraniin akkaan yaaddeessee jira.

Ministeerri haajaa alaa Yunaaytid Isteetees Antonii Bliinkan uummata addunyaa dhibba keessaa harka 85 kanneen ta’an bara 2016 fi 2021 giddutti bilisummaan preesii gad bu’aa akka jiru ni beekan.Kunis yaaddeessaa dha jedhan.

"Uummanni odeeffannoo akka argatu gochuuf, walabummaan preesii akkaan barbaachisaa dha./ Hogganoota isaanii itti gaafatamoo gochuuf gargaara.Dhimmootii akkaan barbaachisaa ta’an dhiyeessuun hin danda’amu taanana, uummanni hin bariin hafa.Walabummaan preesii hin jiru taanaan, malaamatummaan dagaagee hogganoonni bu’aa ofiif fiigan, aangoo isaaniin gar-malee gargaaramuun sagaleen uummataa akka hin dhaga’amne godhu. "

Yunaaytid Isteets yaada haaraa hedduu akka qabdu kan labsan Bliinkan kunis haala oduu gabaastoonni diinummaan ilaalaman keessatti sagantaa eeguumsa isaan barbaachiisu argachuu, dabalata jedhan.

Kana malees, teeknooloojii jiruun seeraan ala gargaaramuun gaazexxessoota irratti fulleeffachuu ittisuuf akkasumas kabajamuu mirga dhala namaa fi babal’achuu Demookraasii of keessaa kan qabu ta’uun ibsamee jira.

Yaadii dhiyaate kun Teeknoolojii dhiittaa mirga namoomaa hammeessuuf oolan, kunis Gaazexxessoota dararuuf akkasumas, mormiitoota cunqursuuf oolan to’achuu dabalata.

Yunaaytid Isteetes addunyaa irratti odeeffannoo facaasuun akka itti gochuuf akkasumas walabummaan preesii akka kabajamuuf deggersa gootuu kan itti fuuftu ta’u Bliinkan ibsuu isaanii hubachisuun gulaalaan har’a yaada isaa xumuree jira.

XS
SM
MD
LG