Accessibility links

Breaking News

Yeroo hanqinni nyaataa jiraatu, qonnaan bultoonni jireenya isaanii dhabu


Yeroo hanqinni nyaataa jiraatu, qonnaan bultoonni jireenya isaanii dhabu. Maatiin guyyaa guyyaan sa’aatii dheeraa maatii isaaniif nyaata itti aanu argachuuf yaalu. Ijoolleen beelaʼan barachuuf rakkatu, akkasumas miidhaa fayyaa jijjiiruun hin danda’amnetu isaan mudata.

Uummanni duraanuu saaxilamoo ta’an yeroo hundumaa baay’ee kan miidhaman yoo ta’u, wabii nyaataa dhabuunis guddina bal’inaan kan danquu fi balaan waldhabdee jeequmsaa fi hookkarri ni hammaata.

US sababa hundee beelaa ta’e furuu dhaan, fedhii hatattaaa warra rakkatanii guutuu akkasumas oomisha qonnaa addunyaa guddisuu dhaan wabii nyaataa qolachaa jirti.

Baatii Guraandhalaa irraa eegalee U.S. fedhii namoomaa hatattamaa guutuuf gargaarsa nyaataa hatattamaa gara doolaara biiliyoona 2.6tti hedamu akka addunyaatti gumaachiteetti. Akkasumas rakkoo dhiyeessii nyaataa addunyaa furuuf, akkasumas hanqina xaa’oo addunyaa salphisuuf michoota waliin hojjechaa jirti.

U.S. karaa kaka’umsa “Feed the Future” jedhamu, dandeettii qonnaa fi dandamachuu danda’uu guddisuu itti fufteetti.

U.S. dhaabbilee faayinaansii sadarkaa addunyaa fi michoota biroo waliin ta’uun dhiibbaa gatiin nyaataa dabaluu namoota baay’ee saaxilamoo ta’an irratti qabu hir’isuuf hojjechaa jirti.

Akkasumas U.S. biyyoota wabii nyaataatiin baay’ee miidhaman kanneen gargaaruuf haala gaarii irra jiran waliin walitti fiduuf marii dippilomaasii cimsitee jirti.

Kun rakkoo gargaarsa namoomaa ti. rakkoo fayyaati. Dhimma dinagdee fi nageenya biyyaati. Akkasumas salphaatti yoo dubbanne dhimma naamusaati. Mucaan tokkollee, daa’imni Lafarra jiru kamiyyuu beela’uu hin qabu.”

XS
SM
MD
LG