Accessibility links

Breaking News

Yaa'ii Ameerikaa Saglaaffaa Irratti Demokiraasiin Ijoo Dha


Pirezidaanti Joo Baayidan walgahii warren Ameerikaa 9ffaa Los Anjeeleesitti gaggeeffamu irratti U.S. haaromsa dinagdee, dimokiraasii fi hawaasummaa kutaa addunyaa gama dhihaa keessatti waadaa galte ni ibsuuf jiru.

Mata dureen Yaa’ii kanaa: “Egeree Itti Fufiinsa Qabu,dandeettii qabuu fi Haqa Qabu Ijaaruu” jedhu dhimmoota naannoo barbaachisaa ta’eef deebii kan kennu jedha.

Isaan keessaa weerara COVID-19; rakkoo haala qilleensaa fi carraa dinagdee, hawaasummaa fi siyaasaa walqixa argachuu dhabu ka jedhutu keessatti argama.

Qormaata kana furuuf karaan hundarra gaariin karaa dimokiraasii ti jedhu Ministirri Dhimma Alaa U.S. Antony Blinken.

“Kana jechuun utubaawwan hawaasa bilisaafi banaa ta’an kanneen akka olaantummaa seeraa, akka kabaja mirga namaa, akka filannoo

bilisaa fi haqa qabeessa, pireesii dammaqaa fi walaba ta’e cimsuuf fedhii waliin qabnuuf beekamtii kennuu jechuudha.”

///end///

Biyyoonni dimokiraasii leellisanis “naannichatti sirna abbaa irree irratti mala waliinii barbaadu,” jedhan ministrich Blinken.

[Soundbite Blinken]

“Mootummoonni biyya keessatti dimokiraasii laaffisuu, pireesii bilisaa irratti dhiibbaa uumuu, mormitoota siyaasaa doorsisuu, bilisummaa manneen murtii laamshessuu isaanii yeroo arginus gamtaan dubbachuu fi dubbachuuf itti gaafatamummaa qabna.”

'Dimokiraasii dhuunfaa keenya cimsuu qofa osoo hin taane; itti gaafatamummaa keenya ijoo ta’e irratti caalaatti ni hojjenna, kunis fedhii bu’uuraa fi abdii bu’uuraa ummatoota kutaa addunyaa kana keessa jiran hunda guutuu dha.”

XS
SM
MD
LG