Accessibility links

Breaking News

Yaada Biliinken walgahii wabii midhaan nyaataa adduunyaa irratti dhiheessan


Walgahii wabii midhaan nyaataa kan idilee adduunyaa dhiheenyaa kana taasisamee irratii kan dubbatan ministirrii dhimma alaa Yunaayitid Isteets Antoonii Biliken, yeroo ammaa namoonni miiliyoonii 200 ta’an adduunyaa irratti hanqina midhaan nyaataa hamaa ta’een akka rakkachaa jiran ibsan.

Ji’a Caamsaa keessaa dhaabbanni mootumootaa gamtoomanii karooraa wabii midhaan nyaataa adduunyaa ifa godhe. Waamichaa tarkaanfii fudhannaa. Waamichi Kun, Gabaa midhaanii fi qotiinsaa banaa gochuu, omishaa xaa’oo dabaluu, qonnaa haalaa jijjirama qileensaa dandamatuu irratti xiyyeeffachuu dabalatee bakkaawwan tarkaanfiin itti fudhatamuu qaban Torba kan of keessaa qabuudha.

Biyyoottan 100 ol karooraa kana irratti kan malateessan yoo ta’u, ammi tokko waan isaan irraa eegamuu gochaa jiru. “Hojiidhaan agarsiisuun murteessaadha” kan jedhan ministirrii dhimma alaa Biliinken, “sababinii isaas, rakkoon amma jiru kun waan biyyii tokko qoftii ykn gareen muraastii kophaa isaanii hiikuu danda’anu mitti’’ jedhaniru.

Prezidaant Baayiden gargaarsaa dabalataa hirdhinaa wabii midhaan nyaataatiif olu doolaaraa Biiliyoonii 2.9 akka kennan Yaa’ii mootumootaa gamtoomaanii irrati ibsaniiru. Kunis bara kana keessaa wabii midhaan nyaataa degeruudhaaf gargaarsa Yunaayitid Isteets taasisuudhaaf waadaa seente doolaara Biiliyoonii 6.9 irratti kan dabalameedhaa.

Warreen gumaacha taasisaa hin jirree akka jiran kan eeran ministirrii dhimmaa alaa Biliinken, biyyoottan tokko tokko ittu caalaa gochuu danda’anii waan yaraa gumaachaa jiru. Waan jijjiramuu qabuudhaa. Biyyoottan amma ammaatti gargaarsaa taasisan dabalatee biyyii hunduu akka gargaarsaa dabalataa taasisan gaafatamaanii jiru” irujedhan Biliinken.

Itti dabaluudhaanis, “karaan biraa nu gargaarsaa namoomaa deggeruu dandeenyu, waliigaltee midhaan nyaataa fi omishaalee qotiinsaa buufatalee doonii galaanaa goraachaa irraa ka’udhaan biyyoottan birootti akka ergaman taasisee isaa dhaabbanni mootummoota gamtoomanii fi biyyii Tarkii, Raashaa fi Yuukireen Gidduutti taasisan akka itti fufu dhiibbaa gochuudha” jedhaniiru.

Tarkaanfiin lammataa immoo, dandeettii biyyoottan midhaan nyaataa ofii isaaniitif omishaa jiran gargaaruu akka ta’e ibsan ministirrii dhimmaa alaa Biliinken.

Bilinken itti fufuudhaan, “Waggoottan Shanan Dhufan keessatti yunaayitid Isteets doolaaraa biiliyoonii 11 ol baasuudhaan akeeka omishaa qotiinsaa waarii qabeessaa ta’e mirkaneesuudhaaf kongreesii keenyaa waliin ni hojjatti. Ji’a darbee biyyoottan Afrikaa warren egeree nyaachisan Sadeet michummaatti daballee jirra. Kunis, sirna midhaan nyaataa jabeesudhaa fi nyaata madaalawaa fooyesuudhaaf seeftii neetii hawaasaa baldhina qabuu irrati karoora sagantaa keenyaati.” Jedhanii jiru.

Dhuma irratis, waliin hojjachaa jiraachuu mirkaneesuudhaaf mootummoota, qaamoolee kutaa biyyoottanii, faawundeeshinota fi dhaabbilee miti-mootummaa giduutti qindoominni jiraachuun barbaachisaadha.

“garuu tarii, waan afaaniin dubbannu duuba wantii nu hojjanu irra caalaa barbaachisaadha” kan jedhan ministrrii dhimmaa alaa Biliinken , “ Nageenyii, tasgabbiin fi jireenyii saba keenyaa wabii midhaan nyaataa waloodhaan ijaaruu irrati kan hundaa’edhaa” jedhaniiru jrdha ibsii gulaalaa mootummaa Yunaayiti isteets.

XS
SM
MD
LG