Accessibility links

Breaking News

Mirga Ijoollee Dubaraa Jajjabeessuu


Shamarreen kamiyyuu addunyaa hokkara saalaa fi loogii irraa bilisa ta’e, carraa barnoota gaarii, kunuunsa fayyaa fi gara fuula duraatti carraa hojii argattu keessa jiraachuutu malaaf,” jedhan tokkummaa mootummootaatti Ambaasaaddarri U.S. Liindaa Toomaas Giriinfiild.

Dhugumatti, kun mirga namoomaa shamarree hundaati. Mirgoonni kun akka kabajaman gochuun hiyyummaa hamaa dhaabuuf akkasumas, badhaadhina hawaasa ykn biyya kamiyyuu waliin qaban guddisuuf murteessaadha.

Investimentiin barnoota shamarranii irratti hirmaatan shamarran dhuunfaan qofa osoo hin taane, hawaasa isaaniis ni fayyada. Akka Baankii Addunyaa jedhutti shamarran barnoota sadarkaa lammaffaa qaban booda irra gara dubartoota waa’ee ooguuma nyaata madaalamaa fi kunuunsa fayyaa ilaalchisee caalaatti odeeffannoo qaban ta’uutti guddatu.

Umurii isaanii waggaa 18 ituu hin guutiin dura herumuun isaanii xiqqaadha, ijoollees lakkobsaan xiqqaa qabaatu. Kana malees manaa ba’anii hojjechuu fi galii olaanaa argachuuf carraan isaanii guddaadha. Kana irraa kan ka’e, ijoollee fayya qabeessa, fi barnoota fooyya’aa qaban qabaachuun, ijjoolleen isaanis barnoota gaarii kan argatanii fi fayya buleessa ta’u.

Kanas ta’e sana, biyyoota baay’ee keessatti shamarran barnoota isaanii xumuruuf danqaa isaan mudatu. Baankiin Addunyaa akka akeekkachiiseetti, hawaasaleen shamarran barnoota waggaa 12 akka hin xumurre dhorkan, oomishtummaa fi galii umurii isaanii guutuu kan Doolaara tiriliyoona 15 hanga triliyoona 30 gidduu ta’u dhaban.

Danqaawwan shamarran mudatan, dandeettii isaan barachuu fi ga’umsa gaarii argachuuf malan irratti kallattiin dhiibbaa akka qabu hubachuun barbaachisaa dha. Tokkoffaa, shamarran yeroo baay’ee mana barumsaa keessatti akkasumas mana barumsaa ennaa deemanis ta’e deebi’aan soda qabu.

Hokkarri saalaa sababa barnoota isaanii xumuruu irraa isaan ittisuu keessaa isa tokko dha. Daree keessatti loogiin saalaa jiru rakkoo biraati. Ilaalchi saalaa irratti hirkatee kun immo ofitti amanamummaa fi ga’umsa barnootaa shamarranii, akkasumas filannoo damee barnootaa isaanii irratti dhiibbaa hamaa kan yeroo dheeraa qaba.

Shamarran sadarkaa barnootaa hunda akka xumuran, akkasumas ogummaa dorgommii gabaa hojii keessatti barbaachisu akka baratan carraan kennamuufii qaba. Waa’ee jireenya ofii murtoo akka murteessan, akkasumas hawaasaa fi biyyoota isaaniif gumaacha akka taasisan hayyamamuu qaba.

Yunaaytid Isteetis mirga namoomaa shamarranii fi dubartoota aalfii hunda guddisuu fi eegsiuuf cicha qabdu itti fuuftee jirti kan jedhan Ambaasaaddar Giriinfiild. Shamarran nyaataa fi bishaan fayyaaf toluu, , barnoota, kunuunsa fayyaa fi talaallii akka argatan, akkasumas, mirgi namoomaa qaban kabajamee sana keessatti hokkara irraa walaba akka ta’an gochuuf addunyaan michoomaan mu cina haa dhaaabtu jechuun gaafatan.

Shamarran haasawa addunyaa keessatti bilisaa ta’anii hirmaannaa guutuu qabaachuu yeroo danda’an, haallii akka fooyya’u hundi keenya ni beekna jechuun Ambaasaadar Lindaa Thomaas Griin fiild dubbachuu isaanii ibsuun gulaalaan har’a yaada isaa xumuree jira.

XS
SM
MD
LG