Accessibility links

Breaking News

Libiyaa Keessatti Murtiin Haqaa Akka Dhufu Ni Deggerra


Liibiyaa keessatti warren gochi dhumiinsaa isaan irratti raawwateef haqi fi itti gaafatamuummaan akka barbaachisu Yunaayitid Isteets ni amanti. Akkasumas, mana murtii yakka adduunyaa ykn ICCn isa Liibiyaa keessatti haqa mirkaneesudhaa fi itti gaafatamummaa umuudhaaf barbaachisaa ta’e deggeeruu itti fufina.

“Erga Guraandhala bara 2011 kaasee ajjeechaa suukanneesaa ummata Liibiyaa irratti raawwataman qoratee, warren gocha sana raawwatan seeratti dhiheesuudhaaf yaalii manni murtichaa taasisaa jiru ni dinqisiifanna”

jedhan Ambaasader Richaard Maayils dhaabbataa mootummoota gamtoomaniitti itti anaa bakka bu’an mootummaa Yunaayitid Isteets.

Itti ansuudhaanis ,

“ Murtoo haaromsaa kan deggersa ergama mootummoota gamtoomanii fi murtoo bakkaa bu’aa adda ramaduu akkasumas,

Amma danda’ameetti Liibiyaa keessatti filannoo wallaba fi haqa qabeessa ta’e taasisuun akka danda’amu kan gargaaru waligaltee karoora heeraa haaromsuu fi eeguu irratti yaalii taasisama jiru ni simanna.

Ergamni dhuga-barbaacha kan mootummootaa gamtoomanii magaala Tarihuunaa keessaatti miseensonni milishoota Al-Kaaniyaat yakka waraanaa, ajjeechaa, hidhaa, reebinsa, gocha dirqisisanii dhoksuu fi gochaawwan gara-jabeenyaa adda addaa akka raawwatan kan agarsiisu ragaa argatee jira.

ergamni dhuga-barbaachaa kun bakkeewwan awwaalli waloo itti taasifaman kan ammaaf addaan bahanii hin beekamne sadii jiraachuu akka danda’an irra gahee jira.

Sochii gareewwan hidhattootaa adda addaa dabalatee, haala tasgabbi dhabiinsa bubbulen walqabatee Liibiyaa keessatti wal sahakki siyaasaa jiru furuudhaa fi itti gaaftamummaa umuun karaa dheeraa akka itti fudhatuu Yunaayitid Isteets ni amanti jedhan Ambaasadeer Maayils.

Ambaasadere Maayils itti fufuudhaanis,

“Haala galmeewwan adda addaa argachuu itti dandamu mijeessuudhaan, hojiiwwan tekinikaa deggeruudhaan, gaaffilee gargaarsaa fi Viizaatiif deebii battalatti kennuudhaan haanga’onni Liibiyaa yaalii Itigaafatamummaa mirkaneessuu deggeruu irratti akka caalaa hojjataan ni gaafanna.” Jedhan.

Haanga’oonni gameeyiin bulchiinsaa Gaadafi duraanii, kanneen akka Sa’iif Al Islaam Gaadaafi kan mana murti yakkaa adduunyaatiin ammayuu qabamanii dhihaachuu qaban dabalatee , warren Yakka farra namoomaa fi yakka waraanaa raawwatan haqatti dhihachuu qabu kan jedhan Ambaasader Maayils, warren miidhamani fi warren miidhama irraa dandamatan haqaa isaanii dagatame argachuu malu. Haangao’onii Liibiyaa wareen kun mana murtii Ze Heeg jirutti akka dhihaatan dabarsanii kennuu irratti gargaarsa hin agarsifne. Kun amma danda’ametti waan ta’uu qabuudhaa” jedhan Ambaasader Maayils.

Dubartootaa fi ijoollewwaan dabalatee carraan godaantotaa wareen hookkora saalatiif saxilamani fi Liibiyaa keessaa baqachaa jiranii Yunaayitid Isteetsin heduu waan yaaddesuudhaa.

Haanga’onni Liibiyaa karaawwani fi haalaawwan namoonni seeraan alaa godaantota ittin dadarbasaman akka balleesuu qaban Ambaasader Maayils gaafatanii jiru. Akkasumas, gareen hidhaattootaa fi loltoonni biyyaa biraa irraa bitamani Liibiyaa keessa jiran martuu, akka biyyatti keessaa bahan gaafatani jiru.

Haqa ummata Liibiyaatif malu mirkaneesuudhaaf sochii manni murtii yakka adduunyaa /ICC taasisaa jiru Yunaayitid Isteets deggeeruu itti fufti jedhaa ibsi gulaalaa ejjannoo mootummaa Yunaayitid Isteets calaqisiisu kan guyyaa har’aa.

XS
SM
MD
LG