Accessibility links

Breaking News

Dhiheessa Nyaataa Akka Addunyaatti Dabaluu


Bulchituun jaarmayaa misooma sadarkaa addunyaa kan Yunaaytid Isteetis Saamaantaa Paawoor akka jedhanti Rakkoo nyaataa har’aa mudatee kana duuba yakkamtoonni hedduun jiru. Dhugaan jiru garuu jijjiiramni qilleensaa deebii kennuu dandeenyu caalaa saffisaan balaa geessisaa jira.

Ho'i qilleensaa fi bishaan lolaa bishaanii amma baajata gargaarsa hatattamaa qabnu caalaa saffisaan ol dabalaa jira. Karaan maallaqaa ykn gargaarsa nyaataa kennuu qofaan itti fufuu dandeenyu hin jiru.

Badhaasa Noobeelii Nagaa kan badhaafaman Dr. Norman Borlaug gosoota midhaan ijoo haaraa kan akka qamadii fi ruuzii uume, kunis guutuu Eeshiyaa fi Laatiin Ameerikaa keessatti oomisha nyaataa guddaa akka dabalu gargaaree jira.

Isa darbee irraa Barnoota argachuu qabna. Kana malees, mala keenya arganne sana rakkoo addunyaa amma nu mudate waliin walsimsiisuu fi madaaluu qabna. Waan facaafnee guddiifnu, akkamitti akka guddifnuu fakkasumas eenyu akka fayyadamu jijjiiruuf tattaaffii taasifamu saffisiisuu fi haala ajaa’ibaatiin babal’isuu qabna.

Tartiiba DNA ykn kan afaan ingliffaan Jinoom siikuweensiin jedhamuun, hayyonni saayinsii gosoota qaxxaamuruun baay’ee barbaadamu saffisaan akka filataniif taasisa, yeroo tokko tokko adeemsa wa lhormaataa waggoota irraa gara ji’oota muraasaatti gabaabsa.

Bara 1990ta keessa Jaarmayaan misooma sadarkaa addunyaa kan Yunaaytid Isteetis (USAID) fi Faawundeeshiniin Rookfeelaar dargaggeessa haayyuu saayinsii kan Itoophiyaa Bisiingaa gosa adda addaa caamaa fi ilbiisoota dandamatu arguuf dandeettii qabu deeggaraa turan.Hayyuun saayinsii gosa midhaanii haaraa gogiinsa dandamatuu fi marga paraasitii striga jedhamu horsiise.

Jaarmayaan misooma sadarkaa addunyaa kan Yunaaytid Isteetis(USAID) waaltaa ISAAA Afri Center, Yuunivarsiitii Keeniyaattaa, fi Yuunivarsiitii Finfinnee deeggaruuf gara doolaara miiliyoona 3.8 hojii irra olchiite jirti. Kunis gosoota bisiingaa haaraa “Striga-smart” jedhaman argamsisuuf ture.”

Samaantaa Paawar, Invastimantii oomishtummaa qonnaa fi qorannoo bu’uuraatiin dhiyeessiin nyaataa fedhii jiru caalaa saffisaan guddachuu danda’a jechu isaanii ibsuun gulaalaan har’a yaada isaa xumuree jira”

XS
SM
MD
LG