Accessibility links

Breaking News

Meeshaa waraanaa keemikaalaa addunyaa keessaa dhabamsiisuuf fooyaa'insaa fi gufuulee jiran


Waliigalteen Meeshaa Keemikaalaa bara 1997 hojiirra oole, meeshaa waraanaa addunyaa keessaa dhabamsiisuuf kan akeekedha.

Dhaabbanni waliigaltee kana hojiirra oolchu, Dhaabbanni Meeshaa Keemikaalaa Dhorku, biyyoota addunyaa afur irraa kan hafee hunda of keessatti hammata. Qaamni bulchiinsa dhaabata kanaa, Yaa’iin Biyyoota Waadaa kana seenan, isaa 27ffaa dhiheenya kana Heeg keessatti xumureera.

Bakka bu’aa Yunaaytid Isteetis dhaabataana,Ambaasaaddar Jooseef Mansoo, Guyyaa dhumaa yaa’ii kanaa, ibsa gaazexeessitootaaf kennaniin, miilkaa’inaa fi rakkoolee waliigaltee sana mudate irratti qiyyaafatan.

Oduu gammachiisaan jedhan, meeshaan keemikaalaa addunyaan labsame keessaa 100 keessaa 99 barbadaa’uu isaati. “Kun meeshaa waraanaa summii guddaa qabu toonii kuma kurna hedduun lakkaa’amudha,kan jedhan Ambaasaaddar Manso, kuusaan Ameerikaa keessaa turab harkii 98 barbadaa’uu isaa,dubbatan.Kana malees Yunaaytisd Isteetis bara haaraa seenuuf jiru 2023 keessa isa hafe barbadeessitee xumuruuf daandii irra akka jirtu ibsan.

Kan nama dhibu biyyoonni lakkobsaan xiqqoon meeshaa keemikaalaa oomishuu fi kanaafis namoota qacaruun itti fufanii jiru, kunis biyyoota hundaaf balaa ta’uu Ambaasaaddar Mansoo himaniiru.

Siriyaan irra deddeebiin meeshaa keemikaalaa lammiilee ishee irratti fayyadamtee mirga sagalee kennuuf qabdu dhaabatichaa keessaa mulqamtee jirti. Akkasumas namoota sirna Asaad keessa jiran itti fayyadama meeshaa keemikaalaa Siiriyaa keessatti itti gaafatamummaa jala galchuuf tattaaffiin itti fufee jira.

Federeeshiniin Raashiyaa garuu sirna Asaad deeggaruun qorannoo fi itti gaafatamummaa irraa gaachana ta’e ittisuu itti fufee jira. Raashiyaan ofii ishee

waggoota dhiyeenya kanaa keessa yoo xiqqaate yeroo lama meeshaa keemikaalaa fayyadamtee jirti. Kunis ergamaa basaasaa Raashiyaa duraanii Sargee Iskiriipal fi intala isaa irratti, akkasumas hogganaa mormituu Raashiyaa Aleksii Naavaalnii irratti ture.

Dabalataanis, Pirezidaantiin Vilaadmir Puutiin fi qondaaltonni olaanoo Raashiyaa waraana ittiin ka’umsa hin qabnee fi sababa malee Yukireen irratti gaggeessan keessatti, meeshaa jamaa barbadeessan fayyadamuu akka danda’an irratti dubbii itti gaafatamummaa hin qabne fayyadamanii jiru.

Waadaa Pirezidaanti Baayiden SEENAN kan meeshaa keemikaalaa kamiyyuu masaraan Kremlin fayyadamuun deebii ga’aa akka argatu akeekan Ambaasaaddar Mansoo yaadachiisan.

Kana malees, himannaa qondaaltonni Raashiyaa dhiyeessan, kan Yukireen meeshaa keemikaalaa fayyadamtee ykn fayyadamuuf karoorfachuu ishee himatan sana, qaama duula odeeffannoo sobaa isaanii ifatti dhaabata kanaa fi miseensota biroo hundaaf dhiyeessan jedhan.

Ambaasaaddar Manso akka jedhanti, amma addunyaa guutuu irratti seera meeshaa keemikaalaa fayyadamuu mormuuf fudhatama guddaan akka jiru cimsanii dubbatan. Dhaabatii meeshaa keemikaalaa gargaaramuu dhorku kunii fi walta’iinsii tolfame “galma keenya kan addunyaa keemikaalaa irraa walaba ta’e argamsisuu irra akka geenyu mirkaneessuuf barbaachisoo ta’aniiru, jechuun dubbachuu isaanii xuquun gulaalaan har’a yaada isaa xumuree jira.

XS
SM
MD
LG