Ji’a Amajjii gaafa guyyaa wixataa isa sadaffaa, Amerikaanonni yaadannoo Luba Doktar Maartiin Luuter Kiing, Jr. kabajuu. Dr. King tajaajilaa waldaa kirstaanaa Baaptisitii kibba kutaa Alaabaamaa fi Ameerikaa keessatti walqixxummaan sanyii akka jiraatu nama falmii taasisaa turanidha. Amajjiin 15 silaa guyyaan dhaloota isaanii waggaa 94ffaan kan itti kabaja ture.
Waggoonni dhibba tokkoo fi sanaa ol kan jalqabe, bara 1865ti xumura walwaraansaa yunaayitid Isteets fi Fooyya’iinsa heera Mootummaa 13ffaa inni garbummaa seeraan ala taasise raggaasisamuu isaatiin, Akkasumas hokkora dhuma bara 1960mootaa, yeroo lammiileen Yunaayitid Isteets kuma dhibbaan lakkaa’aman warren sanyii lakkoofsaa xiqqaa fi dubartoota dabalatee, gareewwan siyyaasaa keesatii bakka bu’ummaa gadi aanaa qabaniif eegumsa mirga lammiilee gaafachuuf daandii irratti ba’an, ummanni Ameerikaa hidda dhaloota Afriikaa qaban harki caalaan seera Jim Crow jedhamu jala turan.
Kunneenis, seerota mootummaa fi bulchinsa naannoo dhiibbaa sanyii fi loogii ifa ta’e seera qabeessa kan taasisan yoo ta’u, sana booda hangawoota mootummaa fi gareewwan siiviilotaa dammaqaniin umnaan hojiirra oolan.
Ameerikaanoonni hida dhalootaa Afriikaa qaban ykn Afrikan- Amerikaan sirna loogiinsa dhugaa isa eenyumaa irrati hundaa’e sana jijjiiruuf barbaadan falmii madaalawaa hin taane fi kan yeroo baay’ee fudhate haala du’iinsa roogeeyitootaa ykn aktivistoota fideetu isaan mudate.
Haala kana keessatti, Dr. King, akkaataa mala mormii hokkora hinqabne isa kan Mahaatmaa Gaandii fudhachuudhaa, hordoftoota isaanii hogganuudhaan, tarkaanfii jumlaadhan hirmaannaa diduu , mormii taa’umsa, hiriira nagaa fi gochoota jeequmsa hin qabne biroo kan siiviilii akka ajajamuu didan taasisu geggeessan.
haaloo ba’iinsi daangaa darbe kan waltii aansee mormitoota irratti fudhatamaa ture kan fayyadee garuu, akka jijjiiramni hatattamaa guutummaa biyyatii keesatti barbaachisu taasisuu qofa ture.
Sochiin Dokteer Kiingi fi falmitootaa mirga siviilotaa inni yeroo dheeraa fudhatee raggaasisummaa seeraa mirgaa siviilotaa isa barra 1964 tiin tasgabii argate. Seerichis bakkeewan hawaasiinii walgahutii akka loogiin hin jiraanne, bakkawwan hojiitti loogiin Sanyii, bifa, amantaa, saalaa ykn eenyumaa gosaa irrati hundaa’e akka hin jiraanne kan dhorkedha.
Dr. King firii dadhabbii isaaniitti gammaduudhaaf haraa galffannaadhaa yeroo hin arganne. Ebla 4, bara 1968 umrii isaanii waggaa 39tti ajjeefaman.
Haata’u malee waggoota kurnan keessatti seerotni loogumsaa haqamaniiru. har’a loogiin arrabsoodhaa fi waan seeraan adabsiisuudhaa.
“ Har’a namoonni seenaa duddadubee adda addaa qaban, adeeensa sana itti fufuudhaan, itti fayyadama aangoo sirii hintaane mormuudhaan, loogiidhaa fi jibbiinsa fuul-dura dhaabbachuudhaan, mirga sagalee kennuu eeguudhaan, akkasumas hijoo, eegumsa fayyaa, bakkaa jireenyaa fi baruumsaa walqixa ta’an argachuudhaaf sagalee isaanii ol kaasanii dhageesisaa jiru” jedhan Prezidaanti Joo Baayiden ergaa guyyaa kana ilaalchisanii dabarsaniin.
Prezidaant Baayiden itti dabaluudhaanis. “ guyyaa har’aa nama biyyaafii adduunyaa keenyaaf waamichaa damaqina sammuu taasise yaadannaa” jechuu isaanii ibsuudhaan gulaalli guyyaa yaaddannoo Doktoor Maartiin Lootar kiing ilaalchisuudhaan qophaa’e xumurama.