Accessibility links

Breaking News

Guyyaa Yaadannoo Dr. Maartiin Luuter Kiing


Baatii Amajjii keessa Wixata isa sadaffaa lammiiwwan Ameerikaa guyyaa yaadannoo Dr. Maartiin Luuter Kiing ayyaaneffatu.. Dr. King kutaa Alabaamaa kibbaa irraa yoo ta’an lallabaa wangeelaa waldaa Baabtistii fi hoogganaa loogii sanyii Yunaayitid Isteetis keessaa akkaan morman turan. Amajjii 15 silaa waggaa isaanii 93ffaa kabaju turan

Kutaalee Yunaayitid Isteetis tokko tokko keessatti sirna Appaartaayidii mul’ataa ture jijjiiruuf kan yaadan lammiiwwan Ameerikaa hidda dhalata Afriikaa irratti haleellaan ennaa raawwatametti Dr.King sochii mirga namaa mormii hookkaraan alaa geggeessanii jiran.

Fakkeenya Mahaitama Gaandii hordofuu dhaan, Dr. King qajeelfama mormitoota mirga namaaf falman ittiin geggeessaman ja’a lafa kaa’an. Kunis tajaajilaawwan kennaman hanga tokkotti fayyadamuu diduu, daandii irra taa’uu, hiriira nagaa fi gochalee diddaa uummataa hookkaraan ala geggeessaman ka biroo turan. Kitaaba isaanii kan “Stride Toward Freedom” Jedhu keessatti tarreessaniiru.

Inni duraa kan inni ibsu, hookkaraan ala mormii dhageessisuun uummata ija jabeeyyii dhaaf mala jireenyaa fi hammina dura ittiin dhaabatani.

Inni lammataa, hookkaraan ala mormii dhageessisuun michummaa fi walii galtee argachuu akkasumas hammina dura dhaabachuu akka ta’e ibsa.

Inni itti aanu, mormiin hookkaraan alaa, loogii injifta malee namoota miti. Namoonni hammina dalagan hamoota utuu hin taane, isaanuu miidhamtoota ta’uu isaaniitti amana.

Qajeelfamni arfaffaan dararaan nama barsiisee jijjiirama fida, ijaa ba’uun utuu hin jiraatin dararaa simachuu ka jedhu of keessaa qaba.

Akka qajeelfama isa shanaffaatti mormiin hookkaraan alaa jibba irra jaalala filata.

Qajeelfamni ja’afaan immoo uumamni gara murtii haqaa akka goru mul’isa. Dr. King du’uu isaaii yeroo torban hin guunne dura, ni injifanna. Sababiin isaas samiin murtii haqaa ol fagoo ta’us, garuu gara haqi jirutti gad hin jedha jedhan.

Dr. King fi sochiin mirga namaa milkaa’inni isaanii inni guddaan kan argame bara 1964 keessa yoo ta’u, kunis seerri mirga namaa kan loogiin bakkaawwan uummataa akkasumas loogiin dalagaatti mindeeffamuuf sanyii, bifa gogaa, amantii, saalaa fi bakka irraa dhufanii ilaalchisee ture dhorku draggaasisame. Dr. King Ebla 4 bara 1968 ennaa itti dhukaafamuun ajjeefaman ga’eessa umurii waggaa 39 turan.

Yaadannoon isaanii garuu ni jiraata. Kurna tokko keessatti, seerawwan loogii sanyiif baabsan ni haqaman. Kanaaf har’a loogiin sanyii seeraan adabsiisa. Jireenyi Dr. Maartiin Luuter King of ilaalee jecha ofii isaaniin gamaaggamamuu danda’a. Madaalliin nama tokkoo inni dhumaa, yeroo itti tolu bakka inni dhaabate utuu hin taane, yeroo rakkinaa fi falmisiisaa bakka inni dhaabateen ilaalama jechuu dhaan gulaalaan har’aa yaada isaa xumura.

XS
SM
MD
LG