Accessibility links

Breaking News

Nagaa Gaanfa Afrikaattif Tumsuu


Gaanfa Afriikaatti jilli addaa Jeffrey Feltman, daawannaa isaanii duraa Masrii, Iirtraa Sudaanii fi Itiyoopiyaatti geggeessan xumuranii deebi’aniiru. Ergaan isaaniis Yunaayitid Isteetis rakkoollee naannoo jiran hiikuu akkasumas lammiiwwan mootummaa ofii keessaa sagalee kan itti qabaatan gaanfa Afriikaa ishee badhaatee fi tasgabboofte deggeruuf cicha qabaachuu ishee ti kan jedhu ture.

Jalqaba, Yunaayitid Isteetis Itiyoopiyaan isheen abbaan biyyummaa ishee kabajamee fi tokkoomte mul’ata kanaaf murteessituu dha jettee amanti. Garuu adda addummaan siyaasaa fi gosaa guutummaa biyyattii keessaa hammaachuu ilaalchisee yaaddoo guddaatu jira. Tigraay keessatti dararaan raawwatamaa jiruu fi rakkoon namoommaa ariifachiisan bal’aan gamasii fudhatama hin qabu.

Yunaayitid Isteetis lola dhaabinisi akka tolfamu, walitti bu’iinsi hamaan kun akka dhaabatu, deggersa lubbuu oolchuu kennuuf akkasumas kanneen dhiittaa mirga namaa fi hookkaraaf itti gaafatamoo ta’an murtiitti akka dhiyaatan michoota ishee sadarkaa addunyaa waliin ni hojjetti jedhan.

Rakkoon Tigraay keessaa jijjiiramaawwan hiika qaban kan gufachiise mallattoo qormaata biyyoolessaa ti.

Jilli addaa Feltman, muummicha ministeera Itiyoopiyaa Abiy Ahimed fi hoogganoota ka biroo waliin mari’atanii, rakkooleen kun mala akkaan bu’a qabeessa ta’een furmaata argachuu kan danda’an, filannoo haqaa fi walabaa geggeessuu dabalatee, mirgi siyaasaa fi inamoomaa kan lammiiwwan Itiyoopiyaa mara bu’uura godhate, walii galtee biyoolessaa uumuuf yaalii godhamuuni jedhan.

Jilli addaa Feltman Asamaraa ennaa dhaqanitti loltoonni Eetraa battala Itiyoopiyaa gad dhiisanii akka ba’an prezidaant Isaayaas Afewerqiif cimsanii yaadachiisaniiru.

Ce’umsi siyaasaa Sudaan keessaa naannoo sanaaf fakkeenya ta’ee tajaajiluu kan danda’u carraa baroota keessatti yeroo tokko ta’e.

Jilli addaa Feltman hooggan Sudaaniif cimsanii ennaa yaadachiisan, kurna sadiif sabatiinsi kan keessaa dhabame Sudaan naannoo sanaaf akka biyya itti gaafatama qabdu taatee, bakka ishee akka eeggachuu dandeessu Yunaayitid Isteetis ce’umsa Sudaan gara dimokraasiitti ce’uuf geggeessitu deggeruu itti fufti jedhan.

Warraaqsi kun erga dhufee as kan argame fooya’ina laaffataa ta’e akka hin gufachiifnetti, hidha laga Abbayyaa ilaalchisee falmii fi walitti bu’iinsa daangaa Sudaan irra jiru furuuf illee Yunaayitid Isteetis cicha qabdi.

Jilli addaa Feltman yaaddoo dhimma bishaanii fi nageenyaa fi hidhi Abbayyaa nageenyi isaa amansiisaa ta’uu fi misoomaaf kan geggeessamu barbaachisummaa humni bishaanii Itiyoopiyaa ilaalchisee hoogganoota Finfinnee, Kaayiroo, Kaartuum, Masrii fi Sudaan waliin mari’ataniiru.

Dhimmoonni kun hooggana gamtaa Afriikaatiin qaamotii dhimmi ilaallatu waliin furamuu qaba. Gaanfa Afriikaa keessatti nagaa fi araarri akka bu’u Yunaaytid Isteetis amma iyyuu cicha qabdi jechuu dhaan gulalaan har’aa yaada isaa xumura.

XS
SM
MD
LG