Accessibility links

Breaking News

Piresii Walabaa Kabajuu


Preesiin walabnii fi of danda’ee hojjatu mootummaa itti gaafatamaa gochuu, aangoon seeraan ala gargaaramuu fi malaamaltummaa saaxiluun uummanni odeeffannoo ga’aa argachuu isaa mirkaneesuun gargaara.

Biyyoota akkaan hedduu keessatti Gaazexxessonni gabaasa dhiyeessaniif jecha hokkaraa fi hidhaatu isaan mudata.

Walabummaan yaada ofii ibsachuu isa jedhu irratti hirkachuun hojii gaarii Gaazexxwssonni hojjataniif fudhatama kennuun, badhaasii Nobeel kan baranaa oduu gabaastoota lama jechuun Mariyaa Ressaa biyya Filiipins irraa akkasumas Dimitrii Muraatoov Raashiyaa irraa dadhabbii fi sodaa tokko malee dhugaa jiru faana bu’un waan gabaasaniif badhaafamanii jiran.

Angoon seeraan ala gargaaramuu fi malaamaltummaa gaggeeffamuu hordofuun saaxilanii iftominaan hojjachuun akka jiraatu gaafatan. Midiyaalee walabnii akka jiraataniif jabeessanii kan hojjatan yoo ta’u humna isaaniin afaan qabsisuu barbaadu immo dura dhaabatan.

Ressaa fi Muraatoov akkuuma waahiloota isaanii Gaazexxessoota ta’an ka biroo dhugaa jiru gabaasuuf waadaa seenaniif jecha gatii baasanii jiru.Sodaachiisa dhaabbataa, dararaa fi dorsisii

Akkasumas, Adabbii seeraan alaa kan irratti qiyyaafatee yoo ta’u keessumaa Muraatov waahilonnii isaa ajjeefamanii jiran.

Gazeexxessootaa fi hojjattoonni Midiyaa ooguuma isaanii hojiin waan agarsiisaniif jecha qofa, sodaachiisa, dorsiisaa fi hokkara irratti rawwatamuu Yunaaytid Isteetes ni balaaleeffatti.

Sodaachisii kun kan heddumaatu, mootummoota daangaa isaanii darban, kanneen teeknooloojii dijitaalii jiru gargaaramuun qunnamtii Gaazexxessonni qaban fi eessa akka jiran faana dhahuun akka isaan malaamaltummaa fi cunqursaa mootummonni geesisan akka hin gabaafne danquu.

Miseensoonni preesii waan hojii isaanii hojjataniif jecha, sodaachifamuu, dararamuu fi haleellaan qaamaa ykn hidhaan irra ga’u hin qabu. Gaazexxessoota irratti, midhaa qaamaa geesisuu, dorsiisa marsariitii irraa fi dorsiisanii seera duratti dhiyeessuu akkasumas dhiibbaa dhaabbataa dhaqqabsisuun midiyaa addunyaa afaan qabsisuuf tarkaanfii fudhatamuu, yeroo kamiin iyyu caalaa amma,dura dhaabachuu qabna jedhan dubbii himaan ministrii dantaa alaa Yunaaytid Isteetes Need Praayis .

Miseensoota Midiyaa fi walabummaa preesii dabalatee Walabummaan yaada ofii ibsachuu daangaa tokko malee hojii irra akka ooluuf akkasuams kanneen miidhaa geesisan itti gaafatamuummaatti akka dhiyaatan gama gochuun Yunaaytid Istees hojjachuu kan itti fuuftuu ta’uun ibsameera.

Ressaa fi Muraatov akkasumas Gaazexxessonni akka isaanii kanneen biroon addunyaa irratti bobba/anii jiran, dhugaan akka injifatu gochuuf toora jalqabaa irratti hiriiranii jiru kan jedhan prezidaant Joo Baaydiin, anaa fi uummanni iddoo hundumaa jirru yaadaa fi hojii haaraa gumaachaa jiran ni diinqiisiifanna jechuu isaanii gulaalaan har’a ibsuun yaada isaa xumuree jira.

XS
SM
MD
LG