Accessibility links

Breaking News

Tumsitoota Orteegaa irra qoqqobii kaahuu


Waan fedhe ta’u iyyu Daani’eel Orteegaa fi Rosario Murioo filannoo irra deebiin gaggeeffamuun Orteegaa marsaalee walitti aanan 4ffaaf prezidaantii Nikaaraaguwaa gochuun filachiisutti cichanii jiru.

Sana bira darbuun, hawaasa siviilii, Gaazexxesoota, qeeqxotaa fi mormiitoota siyaasaa irratti, duula dorsiisaa, sodaachisuu fi cunqursuu bal’aa labsananii jiru.

Seera gatii jabaa nama baasiuu raggaasisuun midiiyaa walaba ukkaamsuu, fi qeeqa marsariitii irratti kennamuu ittisuun, dhaabbattoota fi daldaltoota kanneen maallaqa biyya alaa irraa gargaarsa argatan, akka dhaabata biyya alaatti akka galma’an gochuun, mootummaan maallaqa isaanii to’achuu akka danda’uu akkasumas, seera Nikaaraaguwaa foyyeessuun, adabii hidhaa umrii guutuu kanneen jibba mootummaaf qabaniin yakka rawwatan jedhee adabuu barbaada.

Orteegaa fi Muriioon kan to’atamuu kaawunsiliin filannoo mummichipaartii mormiituu guddicha beekkannoo seeraan qabu irraa mulquun filannoo itti aanuu keessaa baasee jira.

Kaadhiimamtoonni mormiitootaa hidhamanii, dorsiifamaa fi dorgommii keessaa akka ba’an gochuuf jecha, yakka irratti dhiyeessaa jiru.Yakkii kunis seeraan ala maallaqa deddebisuu fi uummata Nikaaraaguwaa miidhuu fi mirga isaanii mulqan jechuun ykn ibsa tokko malee hidhaa jran.

Tarkaanfii hamaan Orteegaa fi Murilloon deemookraasii Nikaaraaguwaa irratti fudhatan, qaama walii galaa karoora baasuu, seera tumtoota, mana murtii fi kanneen filannoo gaggeessaniin kan mootummaan hojii irra oola,

Tarkaanfii Orteegaan fudhatu hojii irra oolchuu keessaa kanneen harka qaban aangawoota filannoo fi paartilee siyaasaa kan Nikaaraaguwaa 19 irra ministriin dantaa alaa kan Yunaaytisd Isteets ugguura Vizaa kaa’ee jira.

Baatilee darban sadiif, prezidaant Daani’eel Orteegaa fi haatii warraa isaanii, akkasmas, itti aanaa prezidaantii kan ta’an Rosariyoo Murilloon nama aangoo irra turuu isaanii mormuu kam iyyu dorsiisaa turan. Kunis kaadhimamtoota siyaasaa, Gaazexxesoota barattoota, fi hogganoota daldalaa, hojjattoota waajiira kan mootummaa hin ta’iinii, falmiitoota mirga dhala namaa fi warra filannoo sadaasa 7 gaggeeffamuuf jiruutti dorgomuuf kaadhimaman dorgommiin ala gochuun kanneen kurna heedduu hidhan jedhan dubbii himaan ministrii dantaa alaa Yunaaytid Isteets Ned Praayis ibsa barreessaniin..

Trkaanfiin amma fudhatame kun, isa ammaan dura abbaa murtii, abbaa alangaa fi miseensoota maatii aangawoota kanaa 150 irra ugguura Vizaa ka’ameetti kan itti fufee ta’uun ibsamee jira.

Uggurri Vizaa kun lammiwwan Nikaaraaguwaa kanneen karaa kamiin iyyu Demookraasii tuffatan ykn dhiittaa mirga namoomaa kan akka hiriira karaa nagaa gaggeeffamu ukkaamsan, ilaallata.Kunis maatiilee aangawoota gocha kana keessaa harka qabanii ni ilaallata.

Dubbii himaan ministrii dantaaalaa Yunaaytid Isteets Ted praayis akka jedhanti, tarkaanfii har’a fudhannee Kanaan orteegaa fi Murilloon tarkaanfii Deemookraasii irratti fudhatan keessaa kanneen harka qaban itti gaafatamtoota gochuuf cicha qabnu agarsiisa.Yunaaytis Isteets keessatti warri akkasii hin simataman jechuu isaanii gulaalan kun ibsuun yaada isaa xumuree jira.

XS
SM
MD
LG