Accessibility links

Breaking News

Waliigaltee Nagaa Seenaa Qabeessa Israa'el fi Tokkummaa Imeretoota Arabaa


Prezidaant Doonaald Traamp, araarsitummaadhaan, akka araarri seena qabeessi Israa’elii fi Tokkummaa Imeretoota Arabaa gidduutti mallatteessamu taasisan. Waggoota 25 keessatti, Israa’elii fi biyya Arabaa ijoo taate kana gidduutti walii-galteen hariiroo nagaa tolfachuu mallatteessamuun kun isa jalqabaa ti. Biyyoonnii Arabaa kanneen biroonis Tokkummaa Imeretoota Arabaa hordofanii Israa’el waliin hariiroo nagaa tolfatu abdii jedhu tu jira.

Waliigalteen kun walii-galtee Abrahaam jedhame. Abrahaam, inni kitaaba Qulqulluu keessa seenaan isaa jiru akka abbaa amantiilee sadeenii, jechuun kan Juudaayizimii, kan Kiristaanaa fi Islaamaatti waan ilaalamuuf maqaa walii-galtee ammaa isatti moggaasan. Ambaasaddarri Israa’el, Deevid Friidman ennaa kana ibsan, “amantiilee guguddoo sadeen kana gidduutti kan Abraahaam caalaa fakkeenya tokkummaa tahu hin jiru,” jedhan.

Waliigalteen Abrahaam kun, Musliimotaa Addunyaa irra jiran kanneen magaalaa Yesusaalem dhufanii masjiila Al Aqsaatti salaatuu barbaadaniif milkaa’ina guddaa dha. Amma, magaalaa Tokkummaa Imeretoota Arabaa – Abu Daabii irraa gara Tel Aavivitti xayyaaraan balali’uu danda’u. Daawwannaan akkanaa akka dabalu jajjabeessuun, kan fiinxaaleyyiin akka Masjiidni Al Aaqsaa haleellaa jala jiruu fi Musliimonni iddoo ququlluu kanatti salaatuu hin dandeenyeetti oduu sobaa facaasan dura dhaabbachuun ni danda’ama.

Prezidaant Traamp, yeroo bara 2017 jalqaba Giddu-galeessa Bahaa daawwatan akka ifatti dubbatan, “rakkoon Giddu-galeessa Bahaa kan furmaata argachuu danda’u ennaa uummatni amantii hndaa walitti dhufuun, fiinxaalessummaa of irraa aggatee fi uummatoota amantiilee hundaaf carraa dinagdee bane qofa,”

Akka araara amma walii-galameetti, Isiraa’elii fi Tokkummaan Imeretoota Arabaa, embaasiilee fi ambaasaaddaroota wal-jijjiiruudhaan, tuuriizimii, barnoota, tajaajila fayyaa, daldalaa fi tika-nagaa dabalatee dhimmoota bal’aa irratti wal-gargaaruuf jiran.

Maayyii irrattis, walii-galteen Abraahaam kun, Isiraa’elii fi Falastiinota gidduutti akka nageenyi waaraa bu’uuf, hojiiwwan bu’uraa hojjeta.

“Mul’anni keenya,” jedhu, prezidaant Traamp, “ka nagaa, tasgabii fi badhaadina naannoo sanattii fi addunyaa irratti fiduu ti. Itti galli keenya gamtaa biyyootaa, kanneen akeeka finxaalessummaa buqqisuu fi ijoollee keenya hegeree abdii kennuu fi waaqaayyoof ulfina kennu gonfachiisuu ti,” jedha – Gulaalaan har’aa.

XS
SM
MD
LG