Fulbaana 2 guyyaa Pasifik keessatti waraanni addunyaa lammaffaan sirnaan itti xumurame. Walumaa gala guyyaa itti walitti bu’iinsi addunyaa keessatti geggeessamaa ture xumurame dha jedha gulaalaan imaammata Yunaayitid Isteetis calaqqisu kun.
Waggoota 75 dura jechuun guyyaa sana bakka buutonni Yunaayitid Isteetisii fi Jaappaan , haal duree tokko malee kan Jaappaan harka itti kennatte galmee sirnaa andaara galaana Tookiyoo irra kan ture doonii USS Missouri jedhamu irratti mallatteessan.
Jarmaniin, akka lakkoobsa Awrooppaa Caamsaa 8 erga harka kennitee booda waraanni addunyaa lammaffaan Awrooppaa keessatti xumurame.
Paasific keessaa garuu hanga Jaappaan hidhannoo ishee hiikkatutti itti fufe ture.
Yunaayitid Isteetis boombii atoomikaa sana milkaa’inaan erga yaalii gootee booda, guyyoonni kudhan erga darbee Adoolessa 26 hoogganoonni humnootiii wal taatotaa labsii “Potsdam” jedhu baasan. Labsiin sunis mala itti Jaappaan harka kennitu tarreessa.
Yoo Jaappaan kana simachuu didde garuu guutummaatti manca’uutu ishee mudata jedha labsiin sun. Jaappaan immoo simachuu didde.
Sana booda, Paasifiik keessatti kan argaman humnoonni michoota Yunaayitid Isteetis waggoota sadii oliif seenaa addunyaa keessatti isa guddicha kan jedhame keessaa tokko kan ta’e lola galaana irraa geggeessan.
Lola odola Pasiifikittti geggessame sanaan kanneen injifataman loltoonni Jaappaanii fi siivilonni heddumminaan of ajjeesan. Sana booda waraanni sun hatattamaan akka dhaabatu murtiin jedhu irra ga’ame. Sun Erga ta’ee booda Yunaayitid Isteetis haleellaan samii irraan kan raawwatamuu fi barreeffama siivilonni naannoo sana keessaa akka ba’an akeekkachiisu raabsitee, garaagarummaa guyyoota sadiitiin boombii atoomikaa lama magaalaalee Jaappaan lama irratti gad dhiiste.
Sana booda hoogganoonni Jaappaan waraana sana injifachuu akka hin dandeenye hubatanii, Adoolessa 14 mootichi Jaappaan Hiroo-hiitoon Jaappaan harka kan kennattu ta’uu beekissan.
Doonii USS Missouri jedhamu irratti sirna geggeessameen Jeneraal douglas MacArthur humnooti wal taatotaa bakka bu’uu dhaan harka kennachuu Jaappaan erga simatanii booda “har’a sagaleen dhukaasaa hin jiru” jedhan.
Gaddi inni guddaan dhumateera. Injifannoo guddaan argameera. Samiin rooba du’aa roobsuu dhaabee jira. Yeroo ammaa galaana irratti kan mul’atu hojii daldalaa qofa. Namoonni ifa aduutiin naannoo adda addaa keessa deddeebi’aa jiru. Addunyaan martinuu nagaa argatee jira. Ergamni qulqullaa’aan xumurameera.
Naannoo Paasifikitti aaragalfii haaraatu mul’ata. Har’a walabummaan ol aantummaa isaa gonfatee jira. Dimokraasiin tarkaanfataa jira. Har’a Awrooppaas ta’e Eesiyaa keessaa namoonni sodaa irraa walaboomanii birmadummaa guutuu dandammataa jiru jedhan.
Fulbaana 2 bara 1945 waraanni addunyaa lammataa xumuramee, barri haaraan jalqabe jechuu dhaan gulaalaan har’aa yaada isaa xumura.