Accessibility links

Breaking News

Yaman Keessatti Nagaa Tumsuu


Wal waraansa Yaman keessaaf furmaanni karaa siyaasaa hunda hirmaachise akka argamuuf Yunaaytid Istees degeersa gootu itti fuufti.Kunis dubartoota hogganoota hawaasa sivilii fi gareelee moggaatti qabaman hundumaa kan hirmaachiisu ta’u qaba.

Jila addaa kan Tokkummaa Mootummootaa Hans Grunbergiin marii hunda hirmaachise gaggeessuuf yaada dhiyaate ni simanna.Kanaaf partileen hundumtuu guutuummaatti akka hirmaatan gaafanna.Mariin kun deemsa nageenyaaf caasaa haaraa kan waliigalaa Tokkummaan Mootummootaa qabu beeksisa jechuun ministriin dantaa alaa Yunaaytid Isteetes Antonii Bliinkan ibsa baasaniin beeksisanii jiru.

Tokkummaa mootummootaatti Ambaasaaddarri Amerikaa Lindaa Tomaas Griin fiild akka hubachiisanti deemsii nageenyaa fixaan ba’uuf

Ilaalchaa fi miidhaan lammiwwan yaman qaban guutummaatti qaban hammatamuu qaba.Kunis haqaa fi itti gaafatamuummaan akka jiraatu gaafachuu kan jedhu dabalachuu qaba jedhan.

Gollii naga eegumsaa murtii ugguraa 2624 jedhame raggaasisuu isaa kan simattee Yunaaytid Isteetes, kunis yaman irra ugguura meeshaa waraanaa fi Ugguura imalaa ka’amee ture haareessuun kanneen nageenya Yaman keessaaf sodaa ta’an qabeenyaan isaanii akka hin sossoonee kan ugguuree yoo ta’u, biyyonni miseensa gola naga eegumsaa ta’an kabajuuf dirqamnii akka irra jiru hubachiise.

Meeshaalee waraanaa seeraan ala Iraan irraa war Huttiif ergamu dhaabsisuun dhimmi ilaalchii duraa kennamuufii qabu dha.Meeshaalee akkasii Yaman keessatti wal waraansa hammeessuuf qofaaf oolu.Kana malees kutaa sana tasgabii dhabsisuuf akkasumas rakkoo lammiwwan Yaman irra ga’aa jiru daran hammeessa jedhan Ambaasaaddar Griinfiild.Xumuura irratti Yaman addunyaa irratti biyya rakkoon gargaarsa dhala namaa guddaan isaan mudatee keessaa tokko ta’uuf jirti.Kanas dhiyeenya kana hanqiina wabii nyaataa kan ilaaleen yaaddoo jabaa mudateetu ragaa ta’a.

Gargaarsa dhala namaa akkaan barbaachisaa ta’e kana dhiyeessuuf, Yunaaytid Isteetes Bitooteessa 16 akka labsiteetti Doolaara Miliyoona 500 fi Miliyoona 85tti dhiyaatu akka laattuu labsitee jirti.Kunis gargaarsa dhala namaa Yamaniif kennamuutti dabalata yoo ta’u, gargaarsa guddaa akkasii al tokkotti Yamaniif ennaa laattuu kun kan jalqabaati.Rakkoon Yaman keessaa waggaa 7 dura eega jalqabee as isa ammaa kana dabalatee maallaqnii Amerikaan biyyattiif goote doolaara Biliyoona 4.5 ga’eera.

Grgaarsa dhala namaa Yaman keessatti barbaadamuu keessaa harkii 30ni Bitooteessa 16 walitti qabame.Arjoomtonni keessumaa kan kutaa Sanaa rakkoo gargaarsa dhala namaa Yaman keessaa furuuf maallaqa akka gumaachaniif Yunaaytid Isteetes gaafattee jirti

Gargaarsii kun lubbuu namaa du’a irraa olchuun rakkoo uummata irra ga’u hanqisuu waan ta’eef, garu uummata akkaan gargaarsa eeggatuu dhaqqabuu akka qabu, Bliinkan hubachisanii jiru.

Gargaarsa waliin ga’uuf sochii ta’u keessatti akkasumas gargaarsii namoota karoorfameef akka dhaqqabuu gochuun akka danda’amuuf, paartileen hundumtuu gidduu seenuu dhaabuu qabu.

Gargaarsii dhala namaa kennamuu qofaa isaa hundee rakkoo kanaa furuu hin danda’uu.Paartileen walitti bu’iinsa kana keessaa harka qaban hundumtuu uummata yamaniif jecha, dinummaan wal ilaaluu dhaabanii furmaata gama siyaasaa hunda hirmaachisee fi umrii dheeratu argamsisuu qabu jechuun gulaalaan har’a yaada isaa xumuree jira.

XS
SM
MD
LG