Accessibility links

Breaking News

Yunaayitid Isteets Jeneraala Umna Ittisaa Eritiraa Irratti Murtoo dabarste


Haala wal waraansaa kaabaa Itiyoophiyaa keessati uumameen walqabatee sarbiinsa mirga manoomaa cimaa ta’e Umna Itisaa Ertiraatiin raawwatameef Yunaayitid Isteets ogganaa ajajjoota Umna Itisaa Eertiraa Jeeneraal Filiphoos Weldyohaanis irratti murtoo dabarsiteetti.

Murtoonn ajaja hojii rawwachiisaa lakkoofsa 13818 isaa ojii irra oolchama Itti gaafatamummaa mirga namoomaa Adduunyaa seera Maagnisky irrati hundaa’ee fi warren mirga namoomaa sarbuudhaan xiyyeefannaa keesaa seenan , akkasumas malaan maltumaa naannoo aduunyaa ilaalatuu keessatii Jeeneraal Filiiphoos farrajamaniiru.

Ajjaja filiphoos jalattii, lolitoonnii Umna Ittisaa Eertiraa, Itiyoophiyaa keessatti Siviilota umnaan gudeeduu, reebuu dhaaf ajjeechaa rawwataniiru. Qabeenyaa barbadeessanii jaarmiyaalee daldalaa saamaniiru.

Bakkeewan too’annoo umnna Ittisaa Ertiraa jala turan keessatti Warren gosa Tigraay jireenyaa isaanii irra akka buqa’an kan ta’e haa’tau jedhamee miidhaan isaan irraan gahuudhaaf waan godhameedha.

Namoonnii qee’ee isaanii irraa buqa’an akka tooftaatti fudhatamee akka mana isaaniitti hin deebine dhorkaniiru.

Ajeechaa, umnaan buqisuu fi hokkara saalaa warren raawwatan dabalatee, sarbiinsa mirga namoomaa Itiyoophiyaa keessatti raawwatame yunaayitid Isteets jechaa jabaadhaan balaaleffatti.

Warren hokkoraa fi sarbiinsa mirga namoomaa keessatii hirmaataan adeemsaa iftoomina qabuun itti gaafatamuu qabu.

Waxabajii keessaa bahanii kan turan miseensonnii Umna Ittisa Eertiraa heduun Itiyoophiyaatti deebii’u isaanii Yunaayited Isteetsn waan yaaddesuudha.

Mootummaan Eertiraa waraanaa isaa attatamaan haala dhaabbataa ta’een akka Itiyoophiyaa keessaa baasu gaafanna>> jedhan ministeerrii dhimmaa alaa Yunaayitis Isteetes Antonii Blinken.

Itti dabaluudhaanis Adda Bilisummaa Umata Tigraay dabalatee gareen hunduu akka siviiliita irratti miidhaa geesisuu dhaaban, akka walti bu’iinsa babaldhisuu irraa of qusatan, akkaa gargaarsa namoomaa danquu dhiisan, akkasumas akka dhukaasaa dhaabuuf marii taasisan yunaayitid Isteets gaafachuu ishee itti fufti jedhaniiru.

Ministeeraa maallaqaati daarekteerrii biiroo too’annoo qabeenyaa alaa Andere’a Gaasik akka jedhanitti, tarkaanifiin Ajajaa Umna Ittisa Eertiraa irratti fudhatame wareen yakka sana umuudhaan itti gaafatamummaa qaban akka gatii kaffaluun isaan irra jiru irratti murannoo Yunaayitid Isteets qabdu kan agarsiisuudha.

Eritiraan akka waraanaa ishee Itiyoophiyaa keessa baaftu,gareen wal loliinsa keessa jiran dhugaasaa dhaabuudhaa akka sarbiinsaa mirga namoomaa dhaaban gaafanna jedhan.

Ministeerii dhimma alaa Antoonii bliinken mannii maree nageenyaa mootumoota gamtoomanii fi hawaasinii adduunyaa baldhaan walti dhufee akka rakkinni Itiyoophiyaa akkaataa karaa nagaatiin hiika argachuu dand’a irratii dhiibaa uumu gaafataniiru.

XS
SM
MD
LG