Accessibility links

Breaking News

Yunaaytid Isteets Dikokiraasii Jabeessuf Kutannoo Qabdi


“Akkaan boodatti hafuu fi abbaan irrummaa guddataa ennaa dhufu, dimokraasiin immoo ga’umsaan bulchuu fi namoota dhugaa fi bu’aa dhugaa argamsiisuu akka danda’u mul’inatti agarsiisuu qbna jechuu dhaan itti gaafatamtuun dhaaba misooma sadarkaa addunyaa kan Yunaayitid Isteetis Samaantaa Paawer dubbataniiru.

Abboonni irree akkaataaa itti dimokraasiin hojjechuu hin dandeenyeen nuti hojjenne jechuuf, odeeffannoo dogoggora cimaa ta’e facaasu. Garuu ololli akkasii mul’inatti kan kijibaa ti jedhu Samanta Paawer. Dhugumatti waltaan qorannaa V-Dem jedhamuu qorattoota dhimmootii dimokraasii heduu kanneen waggoota 25f biyyoonni dimokraasii hordofan galii isaanii nam tokkoo kanneen biyyoota abboota irree caalaa dhibba irraa harka 20n ol guddachuu ibsan tuquun gabaaseera.

Malaammaltummaan rakkoo dinagdee biyyoota kana quunnamuu ti. Hayyoonni dinagee fi namoonni siyaasaa malaammaltummaa keessa jiran fedhii isaanii guttachuuf caasaa qaban fayyadamuu dhaan dimokraasii jiru balleessuu danda’u.

USAIDn hojii farra malaammaltummaa dhaabbaticha keessaa cimsuuf akkasumas tattaaffii ministrii dhimma alaa ministrii haqaaa fi ministrii maallaqaa taasisan cimsuuf gurmuu farra malaammaltummaa hundeessee jira.

Gamtaan kun mala itti deebii hatattamaa kennan ni qopheessa. Akkuma kanaan USAIDn dimokraasii fi farra malaammaltummaaf daandilee murteessoo ta’an hatattamaan argachuu qopheessuu dhaan sagantaalee dame hedduu qaban hojii irra oolchuu dhaan yaalii ministriin dhimma alaa taasisuus gutuu danda’a.

Bajati prezidaanti Joo Baayiden Ramadan doolaarri miliyoonni $50 tattaaffii kanaaf hatattamaan deebii kennuuf oola. USAIDn maallaqi kun akka malee ennaa inni ba’u ykn fooya’ina dimokraasii biyya tokko keessaa miidhuuf ennaa inni oolu waaltalee mootummaa irraa maqsee jaarmolii hawaasa siviliitt naannessuu itti fufa.

Farra maalaammaltumaatti dabaluu dhaan jedhan Paawer, biyyoonni eegumsa marsariitiiwwan isaanii akka cimsanii fi odeeffannoo dogoggoraa akka ittisan ni gargaarra, kanneen dimokraasii leellisanis, hordoffii gama interneetiin ta’uu fi hojiin isaanii akka saansurii hin taanee fi hacuucaa akka of irraa ittisan ni deggerra jedhan.

USAIDn michoota ministrii dhimma alaa fi dhaabbata sabaa himaa addunyaa kan Yunaayitid Isteetis waliin ta’uu dhaan marsariitii walabaa fi banaa ta’e baballisuu fi akkasumas safuu dimokraasii fi qajeelafamoota mirga namaa fi teeknooloojii haarawaa ijoo ta’an waliin wal barsiisuuf biyyoota waliin ni hojjeta. Akkuma kanaan Yunaayitid Isteetis ennaa gaazixeessonni mootummoota hacuucan biraa rakkoon hamaan isaan mudatuu fi fi haalli dinagdee jijjiiramaa dhufu sabaa himaa dhuunfaa naannoo addunyaa ni deggerti.

Waggoota dhiyoo as abbaan irrummaa babal’ataa ademus, amma iyyuu dimokraasiin sadarkaa addunyaatti jaal’atamaa fi gosa mootummaa barbaadamu ta’uu isaa ragaaleen jiran ni mul’isu jedhu Samaantaa Paawer. Yunaayitid Isteetis uummanni naannolee mara keessaa kanneen ofiin of bulchuu barbaadanii fi mirga isaanii bu’uuraa shaakaluu fedhan gargaaruuf cicha qabdi jechuu dhaan gulaalaan har’aa yaada isaa xumura.

XS
SM
MD
LG