Dhimmootii shan kan Afrikaa fi Amerikaaf bu’aa walii isaanii eegsisuu

Ministeerrii dantaa alaa Yunaaytid Isteets Antonii Bliinkan iamltuu gara Afrikaatti dhiyeenya kana gaggeessaniin, dhimmootii 5 kan Afrikaa fi Amerikaaf bu’aa walii isaanii eegsisuu adda baasan.

Fedhii biyyoonni lameen waliin qaban keessaa tokko, dinagdee addunyaa kan hundumaa hirmaachisee ijaaruu dha.Seerrii Afrikaan akka badhaatuuf ba’e daldalaa fi dinagdee irratti lameenuu qiyyaafatanii akka guddisan gaafata.

Guddina Afrikaa fi carraa jiru inni jedhu, gabaa Amerikaa irratti dilaala irraa walaba ta’uun oomisha dhiyeessuu fi biyyonni Afrikaa guutummaatti itti fayyadamuu isaanii mirkaneessuuf Amerikaan hojjatti jedha.

Yunaaytid Isteetes daldala walaba kan biyyoota ardii Afrikaa walii isaanii giddutti gaggeessan Amerikaan simattee jirti.

Fedhiin walii inni 2ffaan, rakkoo jijjirama qilleensaa irratti waliigaluun hojjachuu dha jedhan Bliinkan

Fixiinsa kun guutummaa Ardii Afrikaa keessatti dhaqqabsisuu bekamaa dha.Innis Caama, bosonni ciramee dhumuun, midhaan faca’ee karaatti hafuun, loolaa bishaanii, gammojjummaan hammaachuun, qabeenyaaf dorgommiin ta’u dabaluu, wabiin nyaataa dhabamuun, kufaatii dinagdee fi godaansa dabalata.

Harri ykn Haroon Chaad bishaan, nyaata, jireenya uummataaf waggoota dhibba hedduuf madda ture.

Yeroo ammaa garu xinnaataa deemee isa waggoota 60 dura ture sana 20 keessaa harka tokkotti galee jira jedhan Bliinkan.

Karoora yeroo hatattamaa prezidaant Baaydiin baasanii fi rakkoo keessaa bayyanachisuuf gargaaru, sagantaa hogganonnii guutummaan Afrikaa ka’an waliin wal simata.

Kunis kuusaa eneerjii qabaniin, rakkoo jijjiramnii qilleensaa fiduu keessaa baasuuf karoora oolan baasuu fi maallaqaan deggeruu of keessaa qaba.

3ffaan, jedhan Bliinkan, weerara dhukkuuba KOOVIID-19 xumuura itti tolchuu dha. Amerikaan dhiyeenya kana talaalii Miliyoona 200 fi Miliyoona 70 addunyaan waliin geessee jirti.

Isaan kana keessaa Miliyoona 70 kan caalan biyyoota Afrikaa uffee sahaaraa gadii 43f kan raabsaman yoo ta’u dabalataaniis ergamaa jira.

Inni 4ffaan, Afrikaa keessatti Demokraasii dagaagsuu dha. Addunyaa irratti Demookraasiin duubatti sigigaataa jiraachuun yaaddeessaa dha. Dabalataan teeknooloojiin ammayyaa lammiwwan irratti qiyyaafachuun akkasumas teeknooloojiin walaba ta’anii yaada ofii ibsachuu ugguruuf olaa jira.

Deemookraasiin, odeeffannoo sirrii hin taanee dura dhaabchuuf deebii ta’u qaba. Walabummaa Intarnettii eegsisuuf, teeknooii irratti immoo, teknpploojii ittiin nama hordofan hanqisuun Saaybarii irratti immoo,itti gaaftamummaan akka jiru beeksisuutu irra jira jedhan Blinkan.

Dhimmi inni 5ffaa fi dhumaa, Afrikaa keessatti nageenyaa fi nagaan guddachuu qaba.Sodaa hokkaraa kan leellistootaa, kan kanneen yakka hojjataniin, walitti bu’iinsii hidhattoonni biyya tokko keessatti gaggeessan baayyee beekamoo dha jedhan Bliinkan,

Kanaaf deebiin hangii tokko humnootii nageenya biyooleessaa kanneen leenjii qaban deebii yoo ta’an kan biraa immoo biyyuuma keessaa, kanneen mirgii lammiwwanii kabajamuu isaa eegantu barbaachiisa.

Garu hundee walitti bu’iinsaa waan ta’e hundee dhaa buqqisuun barbaachisaa ta’a.

Bliinkan akka jedhanti, Yunaaytid Isteets guutummaa Afrikaa waliin michooma qabdu jabeessuu feetii. kunis fedhii isaanii fi isa kan keenyaas akkasumas uummata addunyaa kanneen hanga tokko milkaa’iina har’a arganneen gara fuula duraatti jiraatan sun fedhii qaban haala guuteen ta’u qaba jechuu isaanii tuquun gulaalaan har’a yaada isaa xumuree jira.