Gargaarsa namoomaa dabalataa gaanfa Afrikaatiif

Yunaayitid Isteets gargaarsa namoomaa biyyoottan gaanfa Afrikaatiif kan oolu Doolaaraa miiliyonii 200 ol dabalataan erguuf jirti.

Naannichii walti- bu’iinsan bututuu isaa irratti dabalatee hongee waggoottan 40 darbaniif muudatee hin beekneen miidhamaa jiraa. Guutummaa Itiyoophiyaa, keeniyaa fi Somaaliyaa keessatti namoonni Miiliyoonii 20 ol ta’an gargaarsa midhaan nyaata atattamaa akka barbaadan tilmaamameera.

Dhiheenyaa kana dhimmaa gaanfaa Afrikaatti xiyyeeffatee walgahii Jeenevaa ti taasifamee irratti, gargaarsii Yunaayitid Isteets kennuudhaaf beeksiftee, karaa dhaabbata misooma Adduunyaa kan yunaayitid Isteets ykn USAID fi karaa ministeera dhimma alaatiin ergiti.

Gargaarsichii fedhii baqattootaa, namoottan biyyaa keessatti qe’ee isaanii irraa buqa’anii, namoottan walti- bu’iinsaan miidhaman, warren jireenyii isaanii qotiinsaa fi beelladoota irratti hunda’ee guutuudhaaf kan ooludha.

Dhaabbata mootumootaa gamtoomaniitti waajjirri qindeessaa dhimma gargaarsa namoomaa akka hubachiisetti, hongeen Ityoophiyaadhaaf Somaaliyaa keessatti uumame walt-bu’insaa fi Muusa’umsa hawaas-diinagdee dhibeen Cooviidii uume, akkasumas weerara hawaannisa gammoojjii isa yeroo dheeraaf itti fufe irratti kan dabalameedhaa.

Wal waraansii Yuukreen keessatti taasifamaa jiru dhiheessii midhaan nyaataa , boba’a fi xaa’oo irratti hir’ina umuudhaan qaala’insii akka muudatu taasisee jira.

Barreesaa muummee dhaabbataa mootummoota gamtoomanii jalatti itti gaafatamaa dhimma gargaarsa namoomaa kan ta’an Maartiin girifithis,

"rakkina uumata naannichaa muudate furuudhaaf hundi keenyaa akka tarkaanfii fudhachuu qabnuu agarsiisuutu nu irraa jira. Jaarraa 21ffaa keessa beelaaf akka bakki hin jirre agarsiisuu qabna" jedhan.

Yunaayitid isteets akka biyyaa dhuunfaatti gargaarsa namoomaa gaanfaa Afrikaatiif taasisuudhaan qoodaa olaanaa biyya qabduudha.

Gargaarsa dabalataa Doolaara miiliyoonii 200 wajjin, bara 2022 keessa Yunaayitid Isteets gaanfa Afrikaatiif gargaarsa namoomaa Doolaara Miiliyoonii 361 taasifteetti.

Akka dhaabanii misooma adduunyaa Yunaayitid Isetees ykn USAID jedhetii qarshiin gargaarsaf kenname kun, midhaan nyaataa atattaman barbaachisan ittin dhiheesuuf, gargaarsaa nyatawwan addaa qaamaa jabeesan fi meeshaale gargaarsa fayyaa akka itiin dhiheesan, akkaata bishaan qulqulinaa qabu argamuu danda’u akka mijeessan, akka qulqulina naanoo ittin eeganu, akka fayyumaa beeladootaa ittiin kunuunsan, degersaa dhaabbata Mootumootaa gamtoomaniif michoowwan dhaabilee miti- mootummaatiif kan oluudha.

Gargaarsa dabalataa kan ilaalchisee, dubbi-himaan ministeeraa dhimma alaa Yunaayitid Isteets Niid Piraayis naanichii rakkinaa namoomaa hamaa keessa akka jiru erga ibsanii booda,

"wareen gargaarsaa atattamaa barbaachisaa ta’e fedhaniif akka yeroodhaan qaqqabuun danda’amee lubbun baraaramuuf haalii harfachiisaa, guutummatii naga qabeessa ta’e fi daanqaa hin qabne dhaabilee gargaarsa namoomaa fi hojjattootaa gargaarsa qaqqabsiisaniif mijaa’uu qaba," jedhaniiru.

Akkasumas, hongee seenaa qabeesaa ta’e Kanaan kan ka’ee, fedhii gargaarsa namoomaa atattamaa deggeruudhaaf tola ooltonii biroos akka deggersaa isaanii gumaachan Niid Praayis gaafataniiru.