Yeroo waa’ee jijjiirama qabiyyee qilleensa naannoo ilaallu, Afrikaan ardii rakkoo kanaaf baay’ee saaxilamte akka taatetti iaalamti. Nannoolee addunyaa kaan caalaa ho’aan dhahamaa jirti. Waa’aa kanaa Gamtaa Mootummootaatti, Ambaasaddarri Yunaayitid Isteetis, Liindaa Toomaas Griin Fiild akkanatti ibsan.
“Jijjiiramni qilleensa naannoo jiruu fi jireenya lammiwwan Afrikaa miliyoonotaan lakkaawamanii miidhaa jira.”
“Biyyoota ardittii keessaa duraanuu miidhama dinagdee, ka bulchiisaa fi nageenyaaf saaxilamanii jiran keessatti buqqa’insaa fi hiyyummaa hammeessa,”
“Guutummaa ardittii keessatti sababaa ijoo hanqina nyaataa hammeessu dha.”
“Naannoolee wal-waraansi jiru yoaan tasgabii hin qabne keessatti yeroo hanqinni dhiheessi nyaataa yokaan wabiin nyaataa dhabamu, hookkarri dabaluuf hireen jiru guddaa dha,”
“Goginsi, lolaan roobaa, ibiddii fi haalli qilleensa naannoo hamaan rakkoo nyaataa fi dinagdee daranuu hamaa taasisu. Naannoo haala qilleensa naannoo wal-xaxaa qabu keessatti nageenya tiksuun daranuu bala’amaa dha.”
“Haalli kun, hookkara siyaasaa, walitti bu’insa fi tasgabbii dhabinsa ida’amee maatiilee duraanuu waan nyaatanii bulan argachuuf wal’aansoo qaban, fala dhabsiisa,”
“Kanaaf jecha dha kan Yunaayitid Isteetis, karaa sagantaa “Feed the Future” jecbuun “Egeree Wal’aani” jedhuu yeroo waggaa shanii keessatti doolaara Biliyoona 5 basuudhaan addunyaa irratti wabii nyaataa fi nyaata madaalawaa jabeessuuf kan hojjetaa jirtu.”
“Biyyoonni 16, ka sagantaan ‘Feed the Future” jedhu itti xiyyeeffate keessaa irra jireessi Afrikaa keessatti argamu. Sagantaan kun akka hawaasaaleen Afrikaa rakkoolee isaanii salphifachuu danda’anii fi fooyyawan, akkasumas toftaalee qonnaa haala qilleensa naannoon hin miidhamnee fi yeroo dheeraa gargaarsan akka qabaatan taasisuu irratti gargaara.”
“Waliin hojjechuudhaaf cichoomina keenya haa haaromsannu … dinagdee inerjii qilleensa hin faalle, ka jabinaa fi waarinsa qabu as baasuudhaaf.