Amajiin 30n guyyaa adduunyaa dhukubaataa gammoojii (neglected tropical diseases) dagatamanii ykn NTD kan wagga sadaffaati .guyyaa yaadannoo fi guyyaa waa’ee dhukubootaa gamoojii irraatii xiyeeffanaan akka dabaluu taasifamuudha.
Akka sumas guyyaa dhukubootaa kanan loluudhaaf deggersaa siyaasatiif inveestimentiin barbaachisaan argamuu qabu gafaatamuudha.
Dhukuboonii gammootii akka dagatamaniiti akka fudhataman wantii barbaachiseef ajandaa dhimma fayyaa adduunyaa keessatii waan xiyyeeffanaan gahaan hin kennamneefi. Yemuu dhimoottan biroo wajjin walbira qabamee ilaalamus fandiin ykn baasiin ramadamuuf yaraadha. Dukuiboonii kun dhukubootaa hawaasaa iyyumaa keesaa jiraniiti. Dhukuboonii kun beekamoo bakkeewan qulqulinii naannoo fi bishaan dugaatii qulquluun hinjirretii hedduminaan argamanuudha.
Dhukubootii gammoojii dagataman kun garee maxxantootaa ykn parasite jedhaman , bakteriiyaa fi dhukubootaa Vaayirasiidhaan walqabataniidha.
Wareen beekamoo ta’an keesaa dhukuba miilaa namaa itesu, dhukuba ijaa kan nama irraa namatti darbu ykn isa traakoomaa jedhamu.
Dhukubaa ciniinaa tasiisaatii kan ka’ee gogaadhaaf ijaa namaa orbobeessu, ykn isa River Bilindnes jedhamu , dhukuba cilalluu iraan namatti darbu ykn Bliharziya akkasomas dhukubootan raammoo garaa keesaa irraa nama midhanuudha.
Yeroo ammaa dhukuuboonii kun gara caalaa ardiiwan Afrikaa, Eeshiyaa fi Laatiin Amerikaa keessatti namoottan biliyoonatti lakkawaman miidhaa jira. Garuu akka seenaan agarsiisutii dhukuuboowan jaarraawaniif namoottan qaban ija jaamsanii, sochii dhorkanii, miidhaan, ajjeesanii jiran . madaan dhukuboonii kun namoottan dhuufaa fi hawaasa irrati uuman dhaloota irraa gara dhalootaatti kan darbeedha.
Guddinaa ykn bilichina sammuu daa’imanii miidhuudhan lakkoofsaa ijoolewwan mana baruumsaa seenuu qabanii yarseera. Namootan dhukubota Kanaan midhamandandeetii hojoo ittin hojjatanii jerenyaa isaanii fooyysan dhabu. Sababnii isaas namootan dhukuubootaa Kanaan midhaman gargaarsii waldhaansaa isaan argatan ykn inumaayuu hin jiru. Kiyyoo iyyumaaf dhukubaa keessati qabamanii hafu.
Gaarummaan isaa Dhukuboonii gammoojii dagataman kun ittisamuudhaa baasii salphaadhaan waldhaanamuu danda’u.
Yunaayitid isteets bara 2006 jalqabdee sadarkaa adduunyaatti sochii too’annoo dhukubootaa kanaa keessatti qooda fudhachuu jalqabde.
Yeroo sanatti dhaabanii misoomaa adduunyaa yunaayitd isteets ykn USAID, Qaamolee mootumaa fi dhuunfaa waliin ta’uudhaan sagantaa wareen Dhukubootaa gammoojjii dagatamaniin dararaman gargaaruu eegale.
Sagantichii hawaasalee dhukubootaa kanaaf saaxilaman addaan baasuudhaan ,gargaarsaa jaarmiyaalee qorchaa omoishan irraa argameen duula akka dhukubichii hin babaldhanne taasisu irrati xiyyeefate. Bu’aas galmeesuu danda’eera.
USAID Bara 2006 jalqabee dhukuboota kana balleesuudhaaf deggersaa Doolaarii Biiliyoonii tokkoo taasiseera.
Doolaarrii tokko mootummaan yunaayitid Isteets baase gargaarsaa Doolaaraa 26 jijiiramee duulaa tuutaa waldhaansa qorchaatiin gargaarsii Doolaaraa Biiliyoonii 27.6 baasuu taasifame.
Yeroo ammaa namoonii miiliyoonii 500 ta’an dhukubootaa gammoojjii balaqabeessa ta’an sadiif kana booddee waldhaansa hin barbaadan.
Yuniiyitid isteets gargaartota ishee waliin ta’uudhaan karaa USIAD dhukuboota kana xiqeessuu guyyaa tokko immoo balleesuudhaa jireenyii namoottan Biliyoonaan lakkawamanii akka fooyya’uu ni taasisama.