Ripaablikii Afrikaa Waaltaaf Gargaarsa Namoomaa

Biyyi Ripaablikii Afrikaa waaltaa jedhamtu, biyyoota addunyaa irratti guddinaan sadarkaa dhumaa irra jiranii fi raafama keessa jiran keessaa tokko yoo taatuu, walitti bu’insaan bututtee jirti.

Wal waraansii sivilootaa biyyatti keessatti bara 2004 kan jalqabee yoo ta’u, kunis kan yeroo sana prezidaantii turan Fraankoyiis Bozizee mormuun ture.Bara 2013 gareen irra hedduminaan hidhattoota seleekaa ta’an prezidaanticha aangoo irraa ennaa buusan haalli jiru daran hammaate.

Seleekaa fi mormituu isaa kan ta’an Baah laah Kan walitti bu’iinsa hamaa keessaa seenaniin, biyya hedduuminni uummata ishee Miliyoona 5 hin gunnee keessaa, kuma hedduu fixuun siviloota walakkaa Miliyoonaa ta’an manaa fi qe’e irraa godaansiisan.

Bara 2016, prezidaantii haaraan filataman.Baatii Guraandhala bara 2019 mootummaan biyyattii fi gareeleen hidhatan 14 nagaa fi araara buusuuf jecha, waliigaltee siyaasaa mallatteessan.Kunis walii galtee Kaartuum jedhamuun waamama.

Ta’uus garu filannoo prezidaantii kan bara 2020 keessatti hokkarri itti fufee.Kunis Bozizeen prezidaantummaaf dorgomuun kan seeraan alaa ta’u manni murtii olaanaan kan biyyatti eega murteessee prezidaant Twaah Deh Raah eega injifatanii booda.

Garee Riphxee looltoota Bozizee deggeranii fi kanneen mootummaa deggeran giddutti wal waraansii itti fufee.

Akkuuma wal waraansa kamiin iyyu keessatti dhugaa ta’e sana har;a kan rakkataa jiru siviloota.

Ripaablikiin Afrikaa waaltaa har’a rakkoo gargaarsa dhala namaa kan hatattamaa isa bara 2015 as mul’atee hin beekne keessa jirti.

Filannoo dhiyeenya kana gaggeeffame hordofee, hokkarri kan babal’atee yoo ta’u, tasgabiin siyaasaa dhibee, daandilee geejiiba ijoo ta’an irratti meeshaan waraanaa akka garaatti argamuun,balaa loolaa bishaaniin, weerarrii dhukkuuba KOOVIID-19n rakkoo gargaarsa dhala namaa hammeessee, uummata Miliyoona 2.6 kanneen wabii nyaataa kan hatattamaa barbaadan dhaqqabuuf danqaa ta’ee jira.

Lakkoobsii namoota gargaarsii dhala namaa isaan barbaachiisuu Miliyoona 3.1 akka guddatu eegamaa jira.

Yunaaytid Isteets gargaarsa dhala namaa guddaa Ripaablikii Afrikaa waaltaaf gumaachuu itti fuufti.

Dhuma baatii Sadaasaa Bulchituun jaarmayaa misooma sadarkaa addunyaa ykn USAID kan ta’an Samaantaa Paawar akka labsanti, uummata biyya Ripaablikii Afrikaa waaltaaf, gargaarsa dhala namaa kan dabalataaf kan ooluu Doolaara Miliyoona 8.9 akka kennamu labsan.

Maallaqnii kun gargaarsa nyaataa dabaluuf akkasumas ijoollee nyaata dhabuun ergaraman wal’anuuf akkasumas, haadholii fi kanneen ijoollee nyaataan ergaraman kana gargaaran deggeruuf kan ooluu ta’uun ibsamee jira.

Kana malees namoota manaa fi qe’e irraa godaanan gargaarsa dhala namaan dhaqqabuuf akkasumas deggeruuf, daandilee foyyeesuuf akkasumas kannen hokkarrii saalaa fi dararaan adda addaa irra ga’eef gorsa qor-qalbii kennuuf akka ooluu ibsamee jira.

Ripaablikiin Afrikaa waaltaa rakkowwan walitti hidhata qabaniin rakkataa yeroo jirtu kanatti, Yunaaytid Isteets uummata biyyatti akka waliin akka dhaabattu akkasumas arjoomtonni kanneen biroon gargaarsa kennaa jiran kan lubbuu olchuu akka dabaniif Amerikaan gaafattee jirti jechuun gulaalaan har’a yaada isaa xumuree jira.