Accessibility links

Breaking News

Beelaarus Keessatti Hoggantooni Paartii Mormituu Butamaniiru


Abbaan irree Alexander Lukaa-shenka Hagayya 9 kan geggeeffame filannoo wal dha’een deebisanii erga filatamanii booda Beelaarus keessatti muddamni siyaasaa itti fufee jira.

Beelaaruus keessa kanneen jiran miseensonni gareen mormituu filannoo walabaa fi haqaa akkasumas aangoo walitti dabarsuu gama ilaaleen angawoota Beelaarus waliin mari’achuuf gumii qindeessa biyyoolessaa hundeessan.

Lukashen-kaan yaada gaariin qooda adeemuu gumii kana irratti qorannaa kaka’umasa siyaasaa qabu geggeessuu dhaan miseensota gumichaa to’annaa jala oochan, kaanis biyyaa akka ba’an dirqisiisu dhaan kaan immoo ukkaamsanii akka butaman taasisan.

Dhugumatti Yunaayitid Isteets miseensi gumii qindeessa biyyoolessaa Maariyaa Kalesni-kaavaa Fulbaana 7 Minisk keessaa butamanii fudhatamuu, dubbi himaa kan ta’an Anton Roden-koo fi muummicha barreessaan gumii sanaa Ivaan Kiraautsoo Fulbaana 8 humnaan ari’atamuu ilaalchisee akkaan yaaddoftee jirti. Miseensi gumichaa Maaksim Zinaaki-s guyyaa itti aanu to’annaa jala oolan.

Yunaayitid Isteetis Ms. Kalees-ni-kaavaa fi uummati Beelaarus hooggana ofii karaa nagaa fi filannoo haqaa fi walaba ta’een mirga filachuu isaanii mirkaneessuuf kaka’umsa isaan qabaataniif ni galateeffatti.

Hiriirtonni nagaa angawoota mootummaatiin dararaa hamaa fi ukkaamsamuun isaan mudatee jira. Kunis guyyaa saafaa reebichi kan irratti raawwate yoo ta’u kumaan kanneen lakaa’aman hidhamanii kaanis ukkaamsamanii butamaniiru.

Fulbaana 1 jalqabee barattoonni Yuniversitii humnootii naga eegumssaa huccuu gurraacha uffatanii, fuula isaaninitti haguuggataniin haleelaman. Hedduun isaaniis daandii irraa walitti qabamanii konkolaataa mallattoo hin qabaannetti darbamanii fudhataman.

Yunaayitid Isteetis michoota ishee waliin ta’uu dhaan Beelaaruus keessaa, dhiittaa mirga namaa fi hacuuccaa geggeessamu keessatti qaamotii hirmaatan akka itti gaafataman gochuuf uggurri akka irra kaa’amu itti yaadaa jiarti.

Ministriin dhimmi alaa Maayik Poompeyoo ibsa kennaniin angawoonni Beelaarus Ms Kalees-ni- kaavaa fi kanneen seeraan ala hidhaatti darbaman fayyummaan isaanii eegamaa ta’uu mirkaneeffachuuf itti gaafatamni akka irra jiru yaadachiisna jedhan.

Angawooni Beelaarus hookkara lammiiwwan isaanii irratti oofan akka dhaaban, lammii ameerikaa kan ta’an Vitaalii Shkli-yaa-rooviin dabalatee kanneen haqa malee hidhaman akka hiikaman akkasumas bakka bu’oota amanamoo hawaasa Beelaarus waliin marii akka geggeessan waamicha dabarsina jechuun gulaalaan har’aa yaada isaa xumura.

XS
SM
MD
LG