Accessibility links

Breaking News

Bahireen fi Israa'el Hariiroo Isaanii Tolchaniiru


Ji’a tokkoo fi wayii keessatti US marii seenaa qabdu jabduun biyya Jidduu-galaa lama araarsite.

Israel fi Bahrain.Suniin duratti dubbii Israel fi United Arab Emirates mariin araarsite.

Qalbii nagaatii fi walgargarsa tanaan Bharena hariyummaa Israahel waliin qabdu wayyeeffachuuf eeyee jette.

Akka kanaan jarii lachuu embaasii biyya walii keessatti banatee ambasaadderallee walti ergata. Geejjiba xuyyuraatiin walti yaa’a . Achii ammoo waan heddu irrati waliin hojjachuu jalqaban waan akka caasaa fayyaa,daldala,teknooloojii,barnoota,nagaa fi qonnaa faa.

Ganna 72 keesatti maroo lama qofa Israaheliin walti araaramuuf walii galan jedhe prezidaanti Tiraampi. Araara kana caalutti dhufa jedhee herrega jedhe dabale Tiraampi.

Wannii mirkanaa ammoo araarii Bharenii fi UAE Israaheliif Paalistaayinillee nagaa dhgaa ka hunda jabeeffata dhufuu dandaha.

Rakkoon fi gaargalii ganna kurnya hedduutii asi jidduu gala gala bahaa nagaa dhowwe ganna sadeen dabran guddo wayyahe jedha pirezidanti Tiraampi.

“Jara waahela keenna lama wal amansiise.Itti wal gargaarree ISIS fi seera jarii biyyaa bulchuu fedhu harka 100 balleessine.Warrii maqa Islaamaatiin nagaa biyya dhowwu eennu akka tahe diidessinee beekne.Tanaaf amma naannoo fi haga adunyaatti biyyootii wal qabatanii egeree dansaa waliin qabaachuu fi warra hammeenna labsu ufi keessaa baasuuf wal dhaqan,” jedhan.

Pirezidaanti Tiraampi bulchoota Israaheliifi Baharenin jabeenna waan irratti wal dhaban falachuuf walii galanii seenaa hojjataniif , “bulchiinsii isaanii egerii abdii malee waranaa durii irratti hin yayyabamne akka qabaatan agarsiisuutti jira,” jechuun galata galcheef.

Laakkuma biyyootii hedduun hariyummaa isaanii Israahel waliin wayyeeffatanii fi dhiyootuu ariitiin wayyeeffachuuf deemanillee naannoon tun lafa nageellee fi guddattu tahaa deemti.

US akkuma durii yoo ummatii Jidduu gala bahaa jireenna abdiin hedduun duraa mullattu qabaachuuf hojjatu waliin dhaabatti.

XS
SM
MD
LG