Accessibility links

Breaking News

Ajajaa waardiyyaa prezidaantummaa Ruwaandaa duraanii yakka fixiinsa sanyii Rwaandaaf barbaadamaa jiran


Ajajaa waardiyyaa prezidaantummaa Ruwaandaa duraanii kan ta’an Protaay-Miperaanyaa yakka fixiinsa sanyii Rwaandaa kan bara 1994 keessatti hirmaatan jedhamuu dhaan barbaadamaa jiran.

Eebla bara 1994 finxaaleyyiin Ruwaandaa ennaa isaan duula fixiinsa sanyii dhiiga dhangalaasise jalqaban Miperaanyaan murna waardiyaa prezidaantummaa hogganu turan. Gareelee loltootaa leenjisuu akkasumas meeshaa waraanaa raabsuu dabalatee fixiinsa sanyii sana karoorsuu keessatti qooda ijoo guamachaniiru jechuun himataman.

Waardiyyaan prezidaantiis ajaja Miperaanyaa-tiin muummicha ministeeraa Agaatee Owiilingye-naa fi naga eegdota Beeljiyem kudhan kanneen waardiyya isaanii ta’an galaafate. Ennaa fixiinsi sanyi kun geggeesamu waardiyyaan prezidaantummaa hojii sirna dhablummaa fi badii ture adda durummaan humna sossoosu ture.

Yakkaawwan kanneen fi ka biroof jecha manni murtii yakka qoratu ka sadarkaa addunyaa Rwaandaaf dhaabate Mepiraanyaa yakka fixiinsa sanyii fi yakka waraanaan himatee akka hidhamuuf ajaja hidhaa baase.

Yunaayitid Isteetis mootummoota kanneen biroo tokkummaa mootummootaa fi manni murtichaa Mepiraanyaa fi kanneen biroo ajjeechaa sana raawwatan seera jalaa akka hin miliqne gohuuf wal ta’iinsa ni agarsiifti. Sanas galmaan ka’uuf nama Mepiraanyaan akka qabamuuf odeeffannoo kenneef doolaara miliyoona shan kan badhaastu ta’uu beeksiste.

Namni Protaay-Miperaanyaan eessa akka jiru beeksise icitiin isaa qabamee beeksisuu danda’a. waajjira naga eegumsa naannoo quunnamuuf Marsariitii embasii Yunaayitid Isteetis dhiyoo jiru quunnamaa, sagantaa yakka waraanaa USf email erguu yoo barbaaddan WCRP@state.gov, ykn kara WhatsApp 202-975-5468 bilbilaa.

Facebook keenya: www.facebook.com/warcrimesrewardsprogram jechuun seenuu dandeessan. Twitter irrattis www.twitter.com/WarCrimeReward yoo jettan nu argattu. Suraa yakkamtoota barbaadamaniis argachuu ni dandeessu.

Gabaasaaleen amanamoo ta’an martinuu ni qoratamu. Eenyummaan kanneen odeeffannoo kennan maraas icitii dhaan ni qabama.

XS
SM
MD
LG