Accessibility links

Breaking News

Komaandder Onguween yakka waraanaan balleessaan itti murame


Hoogganaan waraana Uganda duraanii kan Lord’s Resistance Army jedhamuu komaandder Dominik Onguween yakka waraanaa fi yakka farra namoomaan himatamanii mana murtii yakka qoratu kan addunyaa ICCn dhaan balleessaan itti muramee jira.

Ongween miseensa LRA isa duraa mana mutichaatti dhiyaatan yoo ta’u yakka waraanaa fi farra namoomaa 70 keessaa 61n himataman. Himannaaleen kunis haleellaalee mooraa namoota biyya ofii keessatti qe’ee irraa baqatan afru kan Ugaandaa keessaa irratti bara 2003 fi 2004 raawwatame.

Ajjeechaa, dararaa, nama gabroomfachuu, ijoollee waggaa 15 gad jiran lolatti bobbaasuu, hacuuccaa oofuu, dirqiisiisuun ijoollee durbaa heerumsiisuu, hundaan gudeeddii, dirqisiisaanii ulfeessuu dabalatee yakka waraanaa fi farra namomaa hedduun himataman. Yakka humnaan dirqisiisanii ulfeessuu jedhuuf adaba yeroo jalqabaa manni murtii yakka qoratu kan addunyaa murteesse.

Gara boodaa murtiin kan irratti kennamu Onguween hidhaa umurii guutuun adabamuu malu.

Balleessaa Ongwen yakka waraanaa fi farra namoomaa dalaganiin itti murame Yunaaytid Iseetis simattee jirti. Dubbi himaan ministrii dhimma alaa Ned Price ibsa kennaniin akka jedhanitti gocha gara jabinaa LRA dhaan dalagameef murtiin haqaaf itti gaafatamummaan jiraachuu isaaf kun tarkaanfii guddaa dha jedhan.

Adeemsi murtii kun kanneen miidhaan irra ga’eef hanga tokko nagaa kennaaf jennee abdanna jedhan.

Yunaayitid Isteetis bara 2015 keessa Ongwen fedha ofiin harka akka kennataniif ICCtti dabarfamanii akka kennaman gargaartee jirti. Dubbi himaa kan ta’an Price Ongwen murtiiti dhiyaachuu aguu keenyatti gamanneerra jedhan.

“Ongweni -tti murtaa’uun uummati Ugaandaa, miidhaa irratti raawwatameef kanneen itti gaafatamoo ta’an muriitti dhiyaachuun, dararaa LRAn hookkarri akka hin dhaabanne gochuuf hojjetaa turee fi dararaa inni raawwateef murtiin haqaa jiraachuu isaatti ni gammada jedhan Price.

Yunaayitid Isteetis nama Hoogganaa LRA Jooseef Koonii akka qabamu eeruu kenneef badhaasa doolaara miliyoona $5 kan kennitu ta’uu beeksisti. Namni odeeffannoo waa’ee isaa yokan eessa akka inni jiru beeku, email wcrp@state.gov ykn lakkoobsa WhatsApp 1-202-975-5468 irratti ergaa dhiisuu danda’a jechuu dhaan gulaalaan har’aa yaada isaa xumura.

XS
SM
MD
LG