Accessibility links

Breaking News

Gabaasaalee Ajjeechaa Jimilaa Tigraay Lixaa Keessaa


Tigraay gama dhiyaa keessatti aangawoonni bulchiinsa naannoo Amaaraa midhaa gara jabinaa gosa hundee godhate dhaqqabsisuu isaanii kan ilaaleen gabaasnii dhaga’amu itti fufuun isaa akkaan kan ishee yaaddeesse ta’u Yunaaytid Isteetes irra deebi’uun beeksiftee jirti.

Irra heedduun isaanii gabaasa dhiyeenya kana gareeleen mirga namoomaaf falman Amneestii Intarnaashinaal fi Hiyumaan Raaytis Waach baasan irratti kan galmaa’ee yoo ta’u, keessumaa jedhan dubbii himaan ministrii dantaa alaa Amerikaa Need Praayis ibsa baasaniin gochii rawwatamee gara duguuggaa sanyitti geessa jechuun gabaasnii kun ibsuun akkaan yaaddeessa ta’u ibsan.

Gareeleen mirga namoomaa lameen gabaasa isaanii xumuura irratti, wal waraansii sadaasa bara 2020 eega jalqabee as siviiloota Tigraay gama dhiyaa irratti qiyyaafatee duula duguuggaa sanyii fi yakka dhala namaa raawwatame akkasumas yakka waraanaa dhaqqabeef itti gaafatamoon, kan haaraa muudaman bulchitoonni godiina Tigraay gama dhiyaa fi aangawoonni kutaa akkasumas humnootiin nageenyaa kan bulchiinsa naannoo Amaaraati jedhanii jiran.

Dhalattonni Tigraay kuma hedduun Tigraay gama dhiyaa keeessatti seeraan ala hidhamanii akka jiran haallii isaan keessatti hidhamanis, lubbuuf kan sodaachisuu ta’u Need Praayis hubachisanii jiru. Kanneen haala akkasiin hidhaa keessatti hafan martii battalumatti akka gadhiifaman gaafachuun aangawoonni naannoo Sanaa to’attonni addunyaa lafa namoonni keessatti hidhamanii jiran akka seenanii ilaalan ehama akka kennaniif gaafatan.

Qaamnii walitti bu’iinsa kana keessaa harka qabu kam iyyu midhaa dhaqqabsiseef qorannaan gaggeeffamee itti gaafatamuummaan akka jiraatu gochuun ejjeennaa keenya kan jedhan praayis, kana gochuun rakkoo jiruuf furmaata waaraa argamsiisa jedhu. Mootummaan Itiyoophiyaa waa’ee mirga namoomaa Itiyoophiyaa keessaa kan ilaaleen, komiishiina Hayyootaa kan Tokkummaa Mootummootaa wajiin akka wal ta’u gaafatan.

Midhaa garajabinaa dhaqqaban ilaalchisee gabaasnii dhiyaachuun itti fufuun kun, walitti bu’iinsa waraanaa kana hatattamaan dhaabsisuun barbaachisaa ta’u hubachiisa.

Mootummaan Itiyoophiyaa fi angawoonni bulchiinsa naannoo Tigraay wal waraansa dhaabuu labsuu isaanii yunaaytid Isteetes kan deggertu ta’u kunis, gargaarsa lubbuu namaa du’a irraa oolchuuf kokolaataan ergaman ka duraa seenuu hordoofsisee.

Labsiin kun akka jiruutti, hidhattonni duula waraanaa kana keessatti hirmaatan martii dhiittaa mirga namoomaa dhaqqabanii fi siviiloota irratti hokkara oofamuu akka abaaranii fi xumuura itti tolchan Yunaaytid Isteetes gaafattee jirti.

Kana malees humnootiin biyya alaa hundumtuu Itiyoophiyaa keessaa akka ba’an akkasumas, aangawoonni biyyoota naannoo Sanaas humnootii nageenya kan ofii, kutaalee ollaa keessaa akka baasan Amerikaan irra deebitee gaafattee jirti.

Qorannaan ifa ta’e akka gaggeeffamuuf, duullii waraanaa dhabatee gargaarsii dhala namaa dhorkaa tokko malee ituu wal irraa hin citiin akka seenuu, akkasumas dhiittaa mirga namoomaa fi seera cabsuun gama hundaan gaggeeffame kan ilaaleen qorannaan ifa ta’e akka gaggeeffamu, walitti bu’iinsa Itiyoophiyaa keessaaf mar’atanii murtii dabarsuun akka jiraatuuf Need Praayis gaafatanii jiru jechuun gulaalaan har’a yaada isaa xumuree jira.

XS
SM
MD
LG