Accessibility links

Breaking News

Yunaaytid Isteets Dhimma Sudaan Kibbaan Yaaddofteeti


Yunaayitid Isteetis muddamni Sudaan Kibbaa keessaa hammaataa adeeme isee yaaddessa. Ka duraan wal mormaa turan prezidaant Saalvaa Kiir fi itti aanaan isaanii Riyaak Machaar wal waraansa waggoota shaniif ture dhaabsisuuf walii galtee bara 2018 mallatteeffamee hoii irra oolchuun isaan rakkise.

Dubbi himaan ministrii dhimma alaa Ned Praayis akka jedhanitti haalli isaa gad adeemaa deemuu isaaf gareen martinuu itti gaafatamu. Preizdaant Kiir-s haa ta’an itti aanaa prezidaant Machaar, walii galtee haaromsame sana hojii irra oolchuuf amanamummaa dhaan yaalii hin goone jedhan.

Prezidaant Kiirii fi itti aanaa prezidaant Machaar muddama jiru gad xiqqeessuu akkasumas keeyata ijoo seera walii galtee haaromsame sanaa hojii irra oolchuu akka itti fufan Yunaaytid Isteetis gaafanna.

Seerawwan kunis heera haaraa wixinessuuf adeemsa hunda himaachisee fi malaawwanii fi seera filannoo of dirriirsuu keessaa qaba.

Ned Praayis akka jedhanitti walii galtee bara 2018 irra ga’ame uummata Sudaan biratti kan amanamu ta’ee akka mul’atutti, miseensonni mootummaa ce’umsaa kan tokkummaa biyyoolessaa tarkaanfii barbaachisu akka fudhatan gaafanna jedhan jechuu dhaan gulaalaan har’aa yaada isaa xumura.

XS
SM
MD
LG