Accessibility links

Breaking News

Sodaachisoon Shororkeessuumman Afrikaa Keessatti Dabalaa Jira


Lola waggaa sadii kan bara 2017 irratti Iraaq fi Siiriyaa keessatti mo’amuu fi kufaatii dhaqqabsisee sana booda, gareen shoroorkeessoota Aysis (ISIS) kanneen maqaa Da’esh jedhamuun beekamu deebi’ee gurmauun dhiibbaa taasisuu babal’isuuf yaalaa jira.

Akka gabaasa dhiheenya kana Tokkummaan Mootummootaa baaseetti, balaan kun keessumaa Afrikaa keessatti cimaadha, sababiin isaas Daa’esh naannoo Giddu galeessa, gama Kibbaa fi gama Dhiha ardii Afrikaa hunda keessatti hidda gadi fageeffachuuf waan hojjetaa jiruuf jedhamee jira.

Gareen shororkeessaa kun wiirtuuwwan kutaa ijaaree guutuummaa Afrikaa keessatti naannolee tasgabbii dhabian uumaa jira. Biyyoonni Afrikaa gara 20 ta’an sochii akkasii kanaan dura kan isaan mudate yoo ta’u, kanneen biroo 20 ol ta’an ammoo loojistika akkasumas maallaqaa fi qabeenya biroo walitti qabuuf kan oolu ta’uu isaanii itti gaafatamaan sagantaa farra shororkeessummaa Komishinii Gamtaa Afrikaa duraanii fi yeroo ammaa Inistiitiyuutii Qorannoo Nageenyaa jedhamuun beekamu]Keessatti Qorataa gameessa kan ta’an Maartiin Ewii ibsanii jiru.

Afrikaan wiirtuu sochii Daa’esh qofa osoo hin taane gara fuulduraatti lafa hegeree hogganoonni leellistonni Islaamaa ta’uu akka dandeessu akeekkachiisaniiru Maartiin Ewii.

Waan biraan jiru immoo, Da’esh ykn Aysis (ISIS) keessumaa biyyoota qabeenya uumamaa heedduu qaban kan akka Ripaablikii Deemokraatawaa Kongoo keessatti of hundeessuun qabeenya uumamaa jiru sana sochii hamaa gaggeessan maallaqaan gargaaruuf fedhii guddaa qaba.

Aysis (ISIS) fi kanneen biroon, walitti bu’iinsa, kufaatii bulchiinsa, jeequmsa siyaasaa, walqixxummaa dinagdee hawaasaa dhabamuu fi komii mudatanti fayyadamuun hordoftootaa fi qabeenya hawwachuu, akkasumas haleellaa shororkeessummaa kakaasuu fi qindeessuun itti fufaniiru,” jedhan Amerikaa keessatti, dhimmootii siyaasaa adda ta’aniif gorsa gameessii kan Yunaaytid Isteetes, Ambaasaddar Jeffery Delarantas.

Shororkeessummaan Afrikaa kutaa adda addaa keessatti dabalaa dhufuun irraa yaaddoo qabna jedhan.Aysis (ISIS) fi Al -Qaayidaatti kanneen hidhata qaban walitti bu’iinsa Afrikaa keessaatti yeroo dheeraaf tureen fayyadamuun sochii seeraan alaa gaggeessan cimsuun itti fufanii jiru.Kun immo du’a olaanaaf dabarsee isaan kenna jedhan..

Aysis (ISIS) Afrikaa Dhiyaa keeessatti Ijoo fi jabaa ta’uun, warra iddoo biraa jiran waliin hidhata guddaa qabuu fi lubbuu namaa galaafatu keessaa tokko waan ta’uuf, xiyyeeffannoo addaa argachuu qaba.

Hawaasni addunyaa gareewwan shororkeessitootaa fi kanneen isaan waliin hidhata qaban dahannaa dhabsisuuf dura dhaabachuu itti fufuu qabu jedhu Ambaasaaddar Delaarantas.

Ameerikaan michoota keenya kan Afrikaaf gargaarsa farra shororkeessummaa murteessaa ta’e kennuudhaan dhaabbilee Aysisi (ISIS) fi Al-Qa’idaa diiguu fi xiqqeessuu itti fufteetti.

Shororkeessummaa ittisuu ykn qolachuuf seera kabachiisuuf dandeettii qabuu fi deebii tajaajila nageenyaa bal’aa kennuu barbaachisaa jedhan Ambaasaaddar DeLerantas.

Balaan Aysisi (ISIS) geesisuu guddachaa jiru ilaalchisee yaadachiisa cimaa kan kennu yoo ta’u, balaa sana ofirraa ittisuu keessatti hunda keenya tumsaa, madaalawaa ta’e akka goonu gaafadha jedhan.

XS
SM
MD
LG