Accessibility links

Breaking News

Mallattoolee Fooyya'insaa Tigraay Keessatti Mullachaa Jiran


Walitti bu’iinsa hokkaraa fi diigumsaa waggaa lamaaf gaggeeffamee sana booda, baatii sadaasa dabree Addi Bilisummaa Ummata Tigraay (ABUT) fi Mootummaan Itoophiyaa waliigaltee diinummaa dhaabbataaN dhaabuu mallatteessanii Jiru.

Waliigalteen tolfame sun, gargaarsi namoomaa gamas seenuun danqaa tokko malee deebi’ee akka eegalamuu fi adeemsi haqaa kan ce’umsaa biyyoolessaa hunda hammatee fi kan walii galaa akka ta’u gaafateera.

ABUT Taankiiwwanii fi rookkeettoota furguggifaman dabalatee meeshaalee waraanaa gurguddaa hedduu Gamtaa Afrikaatti kan dabarsee kan kenne yoo ta’u, mootummaan Itoophiyaa immo, gargaarsi namoomaa gara Tigraayitti akka geeffamu ehamee jira.

Humnoonni Eertiraa magaalotaa fi bakkeewwan ji’oota dheeraaf Tigraay keessatti qabatanii turan keessaa ba’anii, daangaa ce’uun gara Eertiraa deebi’uu eegalaniiru.

Dubbii himaan ministrii dantaa alaa kan Yunaaytid Isteetis ennaa dubbatan, Diinummaa dhaabuuf Qabxiilee ijoo waliigaltee irra jiran hojiirra oolchuuf adeemsa dhaabbataa itti fufee jiru akkasumas gahee gaarii garee Mirkaneessaa fi Ulaagaa Hordoffii Waliinii kan Gamtaa Afrikaa gaggeessuf ni galateeffanna,” Jedhan.

XS
SM
MD
LG