Accessibility links

Breaking News

Ol’aantummaa Murtii Seeraa Tikfachuu


Qajeelfamni olaantummaa seeraa namoonni, dhaabbilee fi qaamoleen mootummaa fi dhuunfaa hundi seera duratti akka itti gaafatamummaa qaban ajaja.Olaantummaan seeraa namoota saaxilamoo ta’aniif ittisa ni godha. Loogii, doorsisa fi miidhaa biroo ni ittisa, dhaabbilee irratti amantaa jiru ni cimsa, hawaasa cimaa, haqa qabeessaa fi hunda hammate ni deeggara.

"Namni kamiyyuu, muummichi ministeeraa ykn pirezidaantiin, kutaan biyyaa ykn biyyi kamiyyuu seeraa ol hin ta'u," "Sun Ameerikaaf waadaa cimaa fi qajeelfama bu'uuraa Tokkummaa Mootummootaa ti." Jedhu, Tokkummaa Mootummootaatti, Ambaasaddarri Yunaayitid Isteetis, Liindaa Toomaas Giriinfiiled

Har’a biyyoonni hangi tokko qajeelfama chaartera Tokkummaa mootummootaaf cicha qaban ni ba’u ykn itti milkaa’uu dhabu.

Raashaa, Iraan, Kooriyaa Kaabaa, Iraan, Nikaaraagwaa fi Siiriyaa keessaa mootummoonni mormitoota siyaasaa fi aktivistoota, kanneen mirga namaaf falman ykn gaazixeessota attamiin seeraan ala akka hidhaatti darban, dararan ykn ajjeessan gabaasi suukaneessaan ba’e tarreessee jira. Burmaa, Belaaruus Kuubaa, Iraan fi Sudaan keessatti hiriirtonni nagaa ennaa haleelamanii fi dararaman arginee jirra.

Abbaa biyyummaa, tokkummaa biyyaa, mirga namaa fi walabummaa bu’uuraa kanneen hin kabajne itti gaafatamoo gochuu qabna. "Kabaja mirga namoomaa fi olaantummaa seeraa sadarkaa hundatti jiru dhaabbata gochuuf waan humni keenya danda’e waan hunda hojjechuu itti fufna." Jechuu dhaan gulaalaan har’aa yaada isaa xumura.

XS
SM
MD
LG