Accessibility links

Breaking News

Taankis Giiviingi - Guyyaa Galataa 2021


Baatii Sadaasa torban isa arfaffaa keessa lammiwwan Amerikaa guyyaa galata galfannaa ayaaneessu. Kunis waggoota kuma hedduu dura midhaan facaafatanii galfachuu isaaniif hawaasa qonnaan bulaa biratti ayyaana galateeffannaa aadaan baramee ta’uus, lammiwwan Awuroopaa yeroo duraaf lafa yeroo ammaa Amerikaa Kaaba bahaa jdhamee waamamuu keessa qubachuu isaanii fi muuxannoo isaanii isa jalqabaa ayyaanni kun calaqqiisa.

Maatiin biyya Inglizii irraa doniin Amerikaa dhaqqaban kun amantii ofii kan qabanii fi amantii Angliikaan kan waldaa kristaanaa biyya Inglizii mootummaatti hidhata qabu irraa guutuummaatti adda ba’uu fedhu.Kunis miidhaa irra ga’e kan ka’e ture.Kanaaf Fuulbaana bara 1620 namnii 102 fi hojjattoota donii Meey Flaawer jedhamtuun 30 waliin gara Ardii Amerikaatti godaanan.

Jarreen kun wanni hojjatana mootummaa biyya Inglizii biraa deggeersa akka hin qabne waan beekaniif jecha, akkasumas hogganaa muudamee waan hin qabneef akka qubattotaatti ofii isaaniin of bulchaa turan.Kanaaf jecha doniin Meey Flaawar jedhamtu ituu hin qubatiin dura, galmee qubattoota giddutti walii galteen akka jiraatu labsuu qopheeffatan.

Kunis murtiin sagalee kennamu irratti akka hundaa’uu kan jedhu yoo ta’u kunis Amerikaa Kaabaa keessatti yaalii Deemookraasiif ta’e isa jalqabaa ta’e jira.Kunis imaltoota dhiiraa ga’eessa ta’an fi donii sana irra turan kanneen walakkaa caalantu mallatteesse.Sana booda bulchiinsa sagalee harka caaluu ta’uun raggaasifamee.

Namoota isaan jalqabaa gara Amerikaatti godaanan kana keessaa 53 qofaatu baatii qorraa darbee ija aduu argee.Baatii Bonaa seenee sana keessa oomiisha gaarii qabaatan.Hammatanii gaafa galfatan jechuun bara 2021 keessa warrii lubbuun hafan kun walitti qabamanii galateeffatan.

Ayyaaneeffannaa kana irratti hawaasa akka isaan lubbuu dheerataniif nyaata kennanii attamitti mana ijaarrachuu akka danda’an isaan barsiisan uummata Wamppaniaf jedhaman 90 waliin ayyaaneeffatan.

Ayyaaneeffannaan kunis guyyaa sadiif kan ture yoo ta’u, godaantonni Inglizii fi kanneen abbaa biyyaa turan giddutti nagaan yeroo gaarii qabaatan.Kan yeroo sana nyaataniis kudraa fi muduraa fi allaattiwwan gosa adda addaa ture.

Ayyaanni galateeffannaa ykn Thanks giving har’a kabajamuu isa jaarraa 19ffaa irratti hundeeffame.Bara wal waraansa sivilootaa kan Yunaaytid Isteetes ifatti akka ayyaaneeffatamuu kan labsamee yoo ta’u kunis, tokkummaa biyyatti jajjabeesuuf ture, Indaanqoo Turkii Jkan edhamtuus ayyaana kana irratti nyaachuun kan beekamuu yoo ta;u, guddaa waan ta’ee akkasumas gatiin isaa guddaa ta’u dhabuun isaan, maatii guutuun akka walitti qabamee nyaatu dandeesisee jira.

Ayyaanni kun jaarraa hedduuf kabajuun kan itti fufee yoo ta’u, ayyanni kun yeroo jalqabaaf qubattoota biyya Inglizii fi namoota yeroo Jalqabaaf Amerikaa keessa turan giddutti ayyaaneeffannaa duraa gaggeessun sun, namoota aadaa garaa garaa qaban giddutti nagaa,akkasumas walabummaa amantii fi badhaadhiina jiraachuu isaaf mallattoo ta’e jir.

Kanas Amerikaan lammiwwan ishee akkasumas kanneen addunyaa irraa gara Amerikaa haaraa dhufaniif gochuu itti fuuftii jechuun gulaalaan har;a yaada isaa xumuree jira.

XS
SM
MD
LG