Accessibility links

Breaking News

US Wiixata ji’a Fulbaanaa cufa hojjatoota isiitii fi qooda isaan guddinna Amerikaatii qaban ulfeessiti


US Wiixata ji’a Fulbaanaa cufa hojjatoota isiitii fi qooda isaan guddinna Amerikaatii qaban ulfeessiti.

Fulban 5 bara 1882 hojjatootii 10,000 guyyaa hojjatoota ulfeessuuf New York karaa guddaa Manhattan irra corooranii yaahan.

Guyyaan hojjatoota gaafas ulfeessuu jalqaban.

Waldaan Jiddu galeessa hojjatoota New York guyyaa kana warra akka mindaan hojjatoota wayyaahuuf, akka saatiin hujii gabaabattuuf,akka fulaa keesa hojjatan ta hujiif namaa mijooftu qabsaan ulfeessuuf yayyabame.

Guyyaa hojjataa ulfeessaa haalii ittiin hojjatan namaaf akka qajeelu ciniinnatanii guyyaa itti qabsaahanillee.

Barana vaayireessii koronaatti rakkoo jajjabdu lamaan dhufe.Rakkoon tun ammoo ta armaan duratti takkuma hin argin.

Akka namii dhukkuba kana walti hin dabarsineef namii miliyoon hedduu manaa hojjata.Kuma dhibba hedduutti ammoo akka dhukkuba kanaan wallaananiif duula kanatti jira.

Hojjattoota balaatii fi ogeeyyota fayyaa hedduutti lubbuu isaanii gurugree dhibamaan wallaanaa kaan siree irratti gargaarsaa oguma ufiitiin hojjachuutti jira.
Warrii miliyoona hedduu ammoo biyya durattiin deemuuf jedhee horii diqqaan hojjachuutti jirutti jira.

Midhaan bahuu qabu bahe ammoo namaa dhaqqabuu qabu kaan gabayaa gahuu,kaan ammoo waan nyaatu kuusaa midhaaniiti argachuu male.Tun cufti namaan taati.

Hujiin poosaataalleen hojjatamuu malte.

Hujiin warra warshaalleen hujiin warra bisaan qulleessuullee hujii bulchoota siyaasaatii gadi tahuu hin malle.Ta warra vaayireessii kornaa nama irraa dhowwuulleen akkanuma.

Saatii jabduu tana keesatti addunyaallee ammallee jabeenna Amerikaa ka namuu chochoosuu hin dandeenne kana hubachuu maltee jedha, Pirezidaanti Tiraampi.

“Jabaan keenna lafa teenna gamuma cufaanuu hujiitt jira.Doktorii fi narsiin lubbuu fayyisuuf hiriiba dhabuutti jiran.Qonnaan bulaa,warri makiinaa fahiisaa oofu,fi warrii kuusaa midhaanii akka namii waan nyaatu dhabee hin rakkanne hujiitti jira. Ollaalleen wal gargaaraa ummatilleen rakko himachuuf waliin jira,” jedha.

Taatullee tun akkuma biyyaa fi ummatii biyya tanaa waan dandahauun wal jireessuutti akkana.

XS
SM
MD
LG