Accessibility links

Breaking News

Waraansa Addunyaa Lammataa Booda


Waraansa addunyaa lammataa booda utuu hin turin, biyyoonni cimoon addunyaa kana irraa, milkaa’inni biyyoota ka biroo kan ofii isaaniifis murteessaa ta’uu hubatan.

Kanaaf, akka miseensota tokkummaa mootummootaa haaraa hundeeffameetti walitti bu’iinsa ittisuu, dararaa dhala namaa gad xiqqeessuu, mirga namaaf beekkannaa kennuuf kabajuuf caasaa uummata maraaf bu’aa qabu fooyyessuu kan dandeessisu marii yeroo ammaa geggeessamaa jiru jjabeessuu dha jechuu dhaan Antonii Bliinken Caamsaa torba gola naga eegumsaa kan tokkummaa mootummootaa duratti dhiyaachuun haasaa dhageessisan beeksisaniiru.

Haa ta’u malee, hangi tokko walii galteen qaama hedduu danda’ama yoo ta’e ni gaafatu jedhu ministrichi Blinken. Ta’us garuu qaama mara kan hirmaachisu inni jedhu rakkoolee gurguddaa addunyaa irra jiru furuuf mala filatamaa keenya jedhan. Haa ta’u malee sirni kun akka wal ga’u biyyoonni martinuu, seera isaaf ajajamuuf ittiin buluuf, milkaa’ina isaaf hojjechuu qabu jedhan. Mala nuti ittiin kana hojjennu sadiitu jira jedhan ministrichi Blinken.

“Jalqaba, miseensonni martinuu cicha isaanii guutuu qabu. Keessumaa kan seerri dirqisiisu. Sunis Charter tokkummaa mootummootaa, walii galteelee irra ga’aman, murtii gola naga eegumsaa kan tokkummaa mootummootaa, seera namoomaa kan sadarkaa addunyaa fi qajeelfamaa fi ulaagaalee dhaaba daldala addunyaa fi seerawwan sadarkaa addunyaatti irra ga’aman of keessaa qaba.

Inni lammataa, mirgi namaa fi kabajaa walakkeessa sirna sadarkaa addunyaa ta’uu qaa. Sadaffaan immoo tokkummaan mootummootaa abbaa biyyummaa biyyoota miseensota ta’aniiii fi qajeelfama qixxummaa irratti kan hundaa’e akka ta’u hubachuu qabu.

Biyyi tokko daangaa isa kaanii deebisee sararuu ennaa yaadu, walii galtee dhabiinsa naannootti fayyadamuu ykn doorsisuu dhaan hiika itti gochuu ennaa yaalu, Ykn immoo biyyi tokko filmaata fi murtii isa kaanii irra dhiibbaa kaa’uuf mirga akka qabutti ennaa dubbatu qajeelfama sana hin kabaju.

Kanaaf mootummaan tokko isa kaan odeeffannoo dogoggora ykn malaammaltummaa akka meeshaatti ennaa itti fayyadamu, filannoo walabaa fi waaltaalee dimokraatawaa ykn gaazixeessota ykn mormitoota ennaa fudhatama dhabsiisu qajeelfama sana hin kabajne jechuu dha.

Dhuma irratti, seerawwan amma qabnu qofaa irratti ajaja hundaa’eef looguu qofti ga’aa miti, fooyyessuu fi irratti hundaa’uu qabna. Ennaa tokkummaan mootummootaa hundeeffamu, prezidaantiin yeroo sanaa Harry Truman akka jedhanitti, walii galteen kun biyya tokko ykn biyyootaa, xiqqaas haa ta’u guddaa ta’ee miti. Ba’ii hafuura wal danda’uu fi ilaalchaa fi dangaa ka biroof obsa qabaachuu ti jechuu isaanii ministrichi Blinken tuqaniiru.

Biyyoonni adda addaddummaa isaanii beeksisanii, amananii, ejennoo waliinii kan irratti hundaa’an barbaaduun kanaaf ragaa dha jedhan jechuu dhaan gulaalaan har’aa yaada isaa xumura.

XS
SM
MD
LG